ONM-ABO Eebla 16, 2026
Godina Lixa Shaggar Bulchiinsa Magaalaa Amboo keessatti torban kana dargaggoo suur-sagaleen isaa miidiyaa hawaasaa gubbaatti mul’achaa jiru kan reebe shiftoota murni Bilxiginnaa bobbaaseedha jechuun jiraatoonnii Magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni magaalichaa dubbisne jedhanitti caasaa murni gabroomfataa koloneel Abiy Ahimad hawaasa irratti ijaaree bobbaase kun jiraattota osoo saalaa fi umuriin adda hin baasin, saamuu, reebuu, ajjeesuu fi gudeeduun daba guddaa hawaasa irratti raawwachaa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiruu.
Sababa kanaan wal qabatee yeroo ammaa kana uummanni jiruuf jireenya isaa geggeeffachuun haa turuutii mirga lubbuun jiraachuu dhabee akka bineensaatti bakkee keessatti reebamaa fi saamamaa jira jechuun jiraatoonnii yaaddoo qaban ibsataniiru.





