• Thu. Apr 30th, 2026

Aanaa Lataa Sibuu keessatti loltoonni Bilxiginnaa jiraattota saamuu fi dararuu hammeessan

Apr 16, 2026

ONM-ABO Eebla 16, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Muraa Waankii keessatti sirna dhableeyyiin loltoota Bilxiginnaa torban darbe keessa nama maqaan isaa Obbo Nagaraa Jigii jedhamu mana jireenyaa isaa cabsanii seenuun qarshii 45,000 jalaa fudhatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, Obbo Nagaraan nama nagaa siyaasa kam keessa hin jirre yoo ta’u, sababa “soddaa keetu milishaa keessaa badee mana kee dhokatee jira” jedhuun mana isaa sakatta’anii  saamicha irratti raawwatanii deemuu dubbatu.

Soddaan Obbo Nagaraa kun maqaan isaa Birraatuu Dilboo kan jedhamu fi armaan duras humnaan qabamee miseensa milishaa PP ta’ee tajaajilaa osoo jiruu loltoonni Raayyaa Ittisa impaayerattii reebicha irratti raawwannaan qawwee lafa kaa’ee mooraa Bilxiginnaa keessaa miliqee baduun ibsameera.

Kana malees, tibba kana loltoonni sirnichaa kunneen aanicha bakkeewwan adda addaatti maqaa sakattaa jedhuun qe’ee hawaasaatti bobba’anii, “qarshii nuuf kennaa” jechuun jiraattota hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

Qoonqoo isaaniif malee qomoof jiraachuu kan hin beekne jaleewwan Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa cufatti akkuma fedhan bobba’uun ilmaan Oromoo hunda sobaan yakkanii tarkaanfii garaagaraa irratti fudhachuu itti fufanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading