• Mon. Sep 14th, 2026

Godina Matakkal aanaalee garaagaraa keessatti murni faashistii Bilxiginnaa hawaasa nagaa mana hidhaatti darbachaa jiraachuu himan

Apr 16, 2026

ONM-ABO Eebla 16, 2026

Godina Matakkal keessatti loltoonni Bilxiginnaa Ebla 10, 2026 maqaa “WBO waliin hidhata qabdu” jedhuun barattoota lama kanneen maqaan isaanii:

  1. barattuu kutaa 12 Urgee Kitilaa, aanaa Bulan ganda Goongoo keessatti kan dhalattee fi 
  2. Naccoo Tafarii barattuu kutaa 6, aanaa Dibaaxi ganda Giiphoo kan taate, 

badii tokko malee humna waraana isaaniin ukkaamsanii mana maatii isaaniitii erga butanii booda mana adabaa mooraa bulchiinsa magaalaa Gaalessaa keessatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni aanaalee kanneenii ONM’f himaniiru. 

Jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf akka himanitti shamarran kun lamaan maatii harka qalleessa irraa waan dhalataniif yeroo barnootaa isaaniin alatti hojii guyyaa hojjetanii kan of tajaajilanii fi deggersa qaama siyaasaa kamii illee akka hin qabne, akkasumas sababa Oromummaa isaanii qofaaf sarbamanii mana hidhaatti akka darbataman himaniiru.

Ilmaan Oromoo gidirsuun garaa isaanii kan qabbaneeffachiisu loltoonni maafiyaa Bilxiginnaa, haala duraan barameen olitti goleewwan Oromiyaa cufa keessatti maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakkanii gochawwan gara jabinaa raawwatan hammeessanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading