ONM-ABO Eebla 16, 2026
Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessaa Ebla 14, 2026 milishoonni murna Bilxiginnaa hedduun carraa argatanitti fayyadamuun kallattiilee WBO’n jirutti meeshaalee waraanaa guutuu waliin obboloota isaanii kan dhugaa uummata isaaniif falmaa finiinsaa jiranitti dabalamaa jiraachuu hoggansi WBO bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Murni Bilxiginnaa filannoo fuuldura jiruuf leenjii milishoota aanaa Dugdaa keessa jiraniif torbee lamaaf Awaash Bishoolaatti kennaafii ture erga xumuranii booda, magaalaa Maqii fi baadiyaale aanichaa cufatti bobbaasuun hanqina qawwee hanga guuttannee isiniif kennamutti uleedhaan loltu jechuun hogganaan aanichaa kan ta’e kaadireen Bilxiginnaa maqaan isaa Gurraachoo Fareessaa jedhamu dirqama kana itti kennuun fedhiin osoo hin taane dirqama keessani yeroo jedhaniinitti irbaata rasaasa WBO ta’uu irra jechuun milishoonni kunneen meeshaa isaanii qabatanii WBO’tti dabalamnee seenaa keenya tolfanna jechuun kanneen baay’inaan 3 ta’an iddoo addaa naannoo baabura Sannaayit jedhamuun beekamu irraa gara WBO naannicha keessa socho’aniitti makamaniiru.
Kanneen meeshaa malee dirqamaan gara lolaa deemtu kanneen jedhaman hedduunis uffata uummata irraa kadhachuun jijjiirratanii qarqara magaalaa Maqiitti uffata milishaa murni Bilxiginnaa itti uffise tarsaasanii faayidaan ala gochuun muka daandii cinatti argamuu irratti fannisanii kanneen gara maatii isaaniitti badaa jiran illee hedduu akka ta’e jiraattonni magaalichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise ifoomsaniiru.
Sababa milishoonni Bilxiginnaa gara WBO’tti dabalamaa jiran irraa kan ka’e kaadiroonni Bilxiginnaa hedduun magaalaa Maqii keessaa manneen jireenyaa isaanii gadi dhiisuun magaalota kanneen akka Bishooftuu, Adaamaa, fi Mojoo manneen ciisicha Siree kireeffatanii bulaa akka jiran odeessi keessoo isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dhaqqabee jira.
Abiy Ahimad lola keessaa bahuu hin dandeenye keessatti erga kufee lubbuu ilmaan hiyyeessaa dirqamaan gara waraanaatti guuramanii xaa’oo gatii hin qabne ta’aa jira.
Maqa-balleessiin lukkeeleen Bilxiginnaa umrii teessuma Abiy Ahimed tiksuuf jecha WBO fi uummata irratti maxxansaa oolan gatii dhabee qabsoo WBO’n uummata Oromoo waliin tokkummaan taasisaa jiru daraaraa irraa gara firiitti ce’aa jira.



