• Fri. May 29th, 2026

Uggura Geejibaa Egeree Oromiyaa Milkeessuuf Labsame: Egereen Oromiyaa Agarsiisa Siyaasaa PPtiin Hin Dukkanaahuu! (Ibsa ABO-WBO)

May 29, 2026

Filannoon Itoophiyaa Waxabajjii 1, 2026 gaggeeffama jedhame himamaa ture, kunoo amma dhihaatee guyyaa lama qofaatu isa hafe. Haa ta’uutii akeekaa fi haalli filannoon kun itti gaggeeffamuu irratti, hiikaa fi dhiibbaa kan siyaasaa, waraanaa, dinagdee, hawaasummaa fi diplomaasii inni qabaachuu malu, akkasumas herrega isaa jijjiiruuf tarkaanfiin Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) fudhachuuf deemu wal hubachiisuun dirqama dha. 

Gama siyaasaatiin; gaaffiin mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu Oromoon jaarraa tokkoo fi walakkaa oliif gaafachaa ture bara PPn kiiloo 4 seente keessatti daran ukkaamfamee Oromoo irratti sanyii duguggaan gaggeeffamuun akka Waraanni Bilisummaa Oromoo qabsoo hidhannootti cichu dirqe. Sabaa fi sablammooti hedduunis filannoo gara biraa dhabanii qabsoo hidhannoo itti fufuuf murteeffatan. Warri dur aangoo gidduu-galeessaa Itoophiyaa qabaachaa turanis, sirni dur ittiin uummata cunqursaa turan, isaaniinis akka cunqursuu fi loluu danda’u hubatan filannoon isaan qaban laalaa sabaa fi sablammootaa hubatanii waliin qabsoo hidhannoo gaggeessuu qofaa akka ta’e waan galeef fakkaata. 

Gama waraanaatiin; baroottan saddeet darban keessa Oromiyaan maraan-martoo walwaraansa wal-irraa hin citne keessa seentee jirti. WBOn kibbaa hanga kaabaa, bahaa hanga dhihaa, gidduu galeessa dabalatee afaan qawween diina dura dhaabbachuu itti fufee jira. Humnooti kaanis dabareedhaan qabsoo hidhannootti makamuu malee filannoo biraa dhabanii jiru. Walqixxummaa siyaasaa, walabummaan namoomaa, marii araaraa Abiy Ahmed waliin gaggeessuun hiikka akka hin qabne qabatamaan agarree jirra. Afaan Abiy Ahmediif galu fi imaammati inni hordofu afaan lolaa qofaa dha! Imaammata ati jilbeenfadhu ani sin bita, yoo kana gochuu hanqatte ammoo akka sabaatti waggaa kumaaf of duuba si deebisa, yoo barbaade ammoo “Qurxummicha qabuuf galaanicha gogsuun furmaata dha” jedhee dhaadchuu dha. 

Imaammata isaa kana galmaan gahuuf qaamni abdatu ammoo UAE dha. Ergama dantaa UAE’n Gaanfa Afrikaa irratti qabdu raawwachuu waadaa seenee, dinagdee UAE irraa argatuun ammoo diroonii bitee uummata nagaa qee’ee isaa keessa jiraatu ajjeesaa har’a ga’e. Namoota yaadaan isaa mormanis warra waliin hojjetaa ture dabalatee doorsisuu, hidhuu, ajjeesuu fi biyyaa ari’uun hojii isaa dhaabbataa ta’ee jira. Lolli inni Oromiyaa, Tigraay, Amaaraa, Beenishaangul, Affaar, Gambeelaa fi walumaagala Impaayerattii keessatti gaggeessaa jiru itti xiqqaatee lola kana gara Sudaan, Somaaliyaa, Ertiraa, Kibba Sudaan fi Jibuutiitti babal’isuun uummata keenya irraa akka lolli hin dhaabbatne hirriba dhabee dhama’aa jira.

Gama dinagdeetiin; imaammata inni hordofu irraan kan ka’e, barataan baratee qormaata hin darbu, inni barate eebbifamee hojii hin argatu, qaamni lafa misoomsu akka lafa isaa hin misoomsine lola keessa jiraachisaa waan jiruuf, dinagdeen biyyittii kufaa jira. Miindaa hojjettootaaf kaffalu gaafa dhabu birrii maxxansuun isaa ammoo daran akka gatiin birrii kufu tolchuun uummati sababa qaala’iinsa jireenyaaf jiraachuu dadhabee gidiraa keessa jiraachuuf dirqamee jira. Maddi dinagdee UAE irraa ittiin argamuu fi hireen hojii lammiin biyya sanaa qabu tokkichi yoo jiraate waraana ta’uu dha. Waraanni isaa ammoo akka biyya saamee jiraatu karaa banuun uummati akka gidiraa guddaa keessa jiraatu tolchee jira. 

Gama hawaasummaatiin; hawaasni keenya wabii jireenyaa dhabee, nagayaan manaa ba’ee nagayaan manatti deebi’uu hanqachaa jira. Lola inni uummata irratti banee fi walitti bu’iinsa uummattoota gidduutti dhalcheen uummatni miliyoonaan lakkaa’amu qe’ee isaa irraa buqqaafamee gargaarsa harka namaa ilaalaa jira. Uummatni sadarkaa biyya abbaa hin qabne, biyya mootummaa hin qabne keessa akka jiruutti himata. Mootummaan haqaa fi nagaa sabaa eegsisuu dadhabee hojii isaa sirnaan hojjechaa hin jiru. Haala kanaan uummati sirna kana irraa amantaa dhabee jira. 

Gama diplomaasiitiin; rakkoolee gama siyaasaa, waraanaa fi dinagdee Abiy Ahmediin biyya keessatti mudate kana diplomaatiin ykn biyyi hin beekne hin jiru. Ammoo humnootaa fi namoota isa dorgomuu danda’an mara dhabamsiisee qofaa isaa mul’achuuf hawwuus itti milkaa’aa hin jiru. Hariiroon inni biyyoota ollaa waliin qabu hundi hammaatee; namni saba isaaf hin taane nuuf homaa nuuf hin godhu; nama kijibuun araada itti ta’e dha jedhamee beekama. 

Filannoon kun Egeree Oromiyaa dukkaneessuuf waan akeekkateef, sirna dadhabaa fi balaafamaa nu irratti bocame, mormitoota isaa hunda kaan dhiibee, kaan laamshessee, kaan dhabamsiisee qofaa isaa filannoo irratti erga of dhiheessee booda; yaa sabaa, yaa biyyaa; uummatni heeraan na filate jira, naaf hubadhaa, jedhee labsachuuf qophii isaa xumuratee jiru kana callisanii ilaaluun hin danda’amu. Kana callisanii ilaaluun Egeree Oromiyaa dukkaneessuu akkasumas uummata keenya irratti loloota waggoota shanan dhufaniif itti labsame fudhatanii hayyamuu dha. 

Kanaaf, ABO-WBOn filannoo kijibaa kana callisee ilaaluun Egeree Oromiyaa dukkaneessuu waan ta’eef, akka uummatni keenyis itti fufiinsaan waggoota shanan dhufaniif lola keessa akka jiraatu itti dhiisuu akka hin taaneef herrega sana jijjiiruuf agarsiisa siyaasaa maqaa filannoon gaggeeffamu kanaaf beekamtii dhorkuun tarkaanfii uggura geejibaa maqaa “Egeree Oromiyaa” jedhuun labsee jira! Tarkaafiin qindaawaa kunis zooniilee bobbaa WBO Oromiyaa saddettan jiran keessatti kan gaggeeffamuu ta’uu mirkaneessa! Tarkaafiin kun guyyaa har’aa, Caamsaa 29, 2026 irraa eegalee fudhatamee, kan torbee tokkoof itti fufu ta’a! Oromiyaa mara keessatti sochiin geejibaa ugguramaa ta’uu hubachiisaa, konkoolaataan kamuu magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraatti sosso’uun hin haayyamamu! Konkoolaataan sosso’uu danda’u yoo jiraate Ambulaansii dhukkubsataa baatu, kan ragaa ogeessa fayyaa qabu qofaa ta’a! Qaamni uggura kana cabsee argame balaa irra ga’uu maraaf gaafatamni kan mataa isaa ta’uu akeekkachiisa. Namootni qee’ee keessan irraa baatanii karaa irra jirtan torbee tokkoof bakka jirtan keessa akka turtan gorsina. 

Sabaa fi sablammooti Impaayera Itiyoophiyaa keessa jirtanis labsii kana hubachuun akka of eeggannoo feesisu gootan dhaamaa, isinis bakkaa fi haala jirtan keessatti duula wal-fakkaataa kan sirna fashistii kana bakkaa sossoosuu dandahu qindeessuu keessatti hirmaattan waamicha goona. 

Namoota biyya ambaa, hojjettoota gargaarsa namoomaa, diplomaatotaa Finfinnee keessa jiratn; guyyaa har’aa irraa eegalee sochii Oromiyaatti gootan hunda akka torbee tokkoof sagantaa keessan jijjiirtanii fi warri sochii irra Oromiyaa keessa jirtan ammoo hanga uggurri kun ka’utti bakkuma jirtanitti akka turtan ykn sochii kam irraayyuu of qusattan dhaamaa, haala yeroo jiru irratti ammoo ibsa ABO-WBOn itti fufiinsaan kennu akka hordoftan hubachiisna. Egereen Oromiyaa Agarsiisa Siyaasaa PPtiin Hin Dukkanaahuu!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO

Caamsaa 29, 2026

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading