• Sun. Jun 14th, 2026

Aanaa Baddannoo keessatti hidhaan ergamtoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaate

Jun 12, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2026 

Godina Baha Harargee aanaa Baddannoo keessatti hidhaan ergamtoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Lukkeeleen Bilxiginnaa badii malee sobaan hawaasa yakkuu amaleeffatan, magaalaa Furdaa jedhamurraa Waxabajjii 8, 2026 namoota maqaan isaanii Muraadee Abduramaan Hasanii fi Muraadee Badiruu Haamidoo jedhaman ukkaamsanii hidhaatti darbachuun ifoomeera. 

Sababa ittiin hawaasa hiraarsan guyyaa guyyaan walga’anii bocaa kan oolan jaleewwan maafiyaa PP, namoota kanneen “waraqaa eenyummaa dijiitaalawaa (National Id) hin qabdan; isin jiraattota magaalaa Furdaa miti” jechuun kan hidhaatti darbatan ta’uu jiraattonni magaalichaa dabaluun ibsaniiru.

Lukkeeleen Bilxiginnaa tarkaanfii WBO’n goleewwan Oromiyaa cufa keessatti fudhataa jiruun raafama hamaa keessa galanii, namoota shakkii irraa qaban, sababoota sobaa adda addaa irratti wabeeffachuun hanga lubbuu qaalii galaafachuu gahutti sarbama mirga namoomaa ulfaataa hawaasa Oromoo irratti raawwatan garmalee hammeessanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading