• Tue. Jun 16th, 2026

Aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti dargaaggoota ukkaamsanii gara addaa waraanaatti guuruu cimee itti fufe 

Jun 12, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2026 

Murni akka dantaa isaa qofaaf tolutti hojjetu Bilxiginnaan afaan qawwee fayyadamuun namoota hedduu fedhii isaanii malee waardiyaa taasifatee umurii aangoo isaa dheereffachaa kan jiru, Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Haqaan-jiraataa keessatti gaafa Waxabajjii 10, 2026 dargaaggoota jumlaan ukkaamsanii gara leenjii waraanaatti geessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Dargaaggoota qe’ee fi qabeenya isaaniirraa ukkaamfamuun gara dirree waraanaatti geeffaman keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Roobaa Mikaa’el,
  2. Abdulmaalik Mahaammad,
  3. Fu’aad Usmaan,
  4. Usmaa’il Abrahiim fi 

dargaaggoota biroo baay’inaan hedduu ta’an ukkaamsaanii deemuun ibsameera.

Waraanni gabroomfataa PP ergamtoota isaa Oromiyaa keessa bobbaasuun dirqamaan gara mooraa waraanaatti ilmaan haadha hiyyeessaa jumlaan guuruu fi sanuu dhukkubsattoota, maanguddoota humna hin qabne fi daa’imman umuriin isaanii waraanaaf hin geenye dabalatee hedduu adda waraanaatti guuree ficcisiisaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading