• Sun. Jun 14th, 2026

Aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti daa’imni tokko konkolaataa 3’f waraana Bilxiginnaan rukutamee miidhaa cimaan irra gahuun ibsame

Jun 12, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2026 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa bakka addaa naannoo Teeleetti gaafa Waxabajjii 10, 2026 konkolaataa 3’f waraanaa kan aanaa Begii ta’e tokkoon daa’imni ol-adeemtuun rukutamuun miidhaa jabaan irra gahuu odeeffannoon jiraattota aanichaa irraa argame ifoomse

Gara jabeeyyiin kunuunsa loltoota PP kanneen kunuunsa daa’immanii hin beekne saffisa guddaan magaalaa keessa konkolaachisaa kan turan yeroo sanatti daa’ima maqaan ishee Ilillii Maarqos Gurmuu jedhamtu daandii qarqara osoo deemtuu irraa qabuu dhiisanii akka rukutan kan dubbatan jiraattonni, miidhaa sana hordofee uummanni miira gaddaa guddaa keessa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Gochaawwan jibbisiisaan kana fakkaatu guutuu Oromiyaa keessatti jabaatee itti fufuun magaalota Oromiyaa garaagaraa keessatti lubbuun ilmaan Oromoo konkolaataa waraanni faashistii Bilxiginnaa oofaniin darbaa akka jirus kan himan, uummanni rakkoo keessa jiruuf haal-duree tokko malee miidhaa jalatti kufee jireenya yaaddoo keessummeessaa jiraachuus ifoomsaniiru.

Yakki seenaa fi seeraan loltoota murna Bilxiginnaa fi kaadiroota sirnichaa gaafachiisu guyyuu dalagamaa kan jiru oggaa ta’u, qaamni quuqama sabaa hin qabne rasaasaan waadee namoota ajjeesuun cinatti ilaalcha gadi deebi’aan sabicha ilaaluun lubbuu obbaasaa jiraachuus kan himan jiraattonni, aanaa Qilxuu Kaarraattis daa’imni kichuun kun gaafa Kibxataa rukutamtes hanga ammaatti of-hin barin jiraachuu addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading