ONM-ABO Waxabajjii 12, 2026
Godina Matakkal aanaa Bulaan ganda Goongoo bakka Fixii jedhamu keessatti gaafa Waxabajjii 9, 2026 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Alaaminaa Abbaay jedhamu gara jabeeyyiin loltoota maafiyaa PP bakka hojii isaatii deemuun rasaasaan dhahanii haala nama gaddisiisuun madeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Tiksitoonni barcuma aangoo siyaasaa kolonel Abiyyi Ahimad kunneen qonnaan bulaa kana ergaa rasaasaan rukutanii madeessaniin booda akka hawaasni naannichaa argee mana yaalaatti hin geeffanneef jecha bosona keessatti kan gatan yoo ta’u, tattaaffii hawaasni naannichaa godheen guyyaa tokko bakkee keessa bulee bosonaa keessaa argamuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.
Qonnaan bulaan lukkeelee sirnichaatiin madaa’e kun, nama hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa qabuu fi badii seeraa dalagee hin qabne yoo ta’u, tiksitoonni sirnichaa immoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun rasaasaan dhahanii madeessuu eeraniiru.
Murni ajaja Kolonel Abiyyi Ahimediin geggeeffamu kun gara laafina tokko malee saba irraa dhalatanitti diinomuun saamicha, hidhaa, ukkaamsanii achii buutee dhabamsiisuu fi ajjeessanii bakkee keessatti gatuun dhiittaa mirga namoomaa ulfaataa raawwachaa jiraachuun ni beekama.

