• Mon. Nov 23rd, 2026

Aanaa Bulaan keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa lafa qonnaan bultootaa abbootii qabeenyaatti gurgurachaa jiraachuun himame

Jun 12, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2026 

Godina Matakkal aanaa Bullaan ganda Goongoo jedhamu keessatti kaadiroonnii fi kaabinoonni Bilxiginnaa aanichaa waliin ta’uun lafa qonnaan bultootaa abbootii qabeenyaatti gurgurataa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Akka maddeen himaniitti, lafa qabiyyeen isaa kan qonnaan bultootaa ture abbootii qabeenyaatti gurgurataa jiraachuu fi qonnaan bultoota qabeenyi kun kan keenya irraa buqqifamnee eessatti geeffamnaa jechuun gaafatan hedduu milishoonni sirnichaa qabuun finxaaleeyyii Amaaraatti kennaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru. 

Haaluma walfakkaatuun Akka jiraattonni dubbatanitti sababa kanaan Abbootiin warraa baayyinaan hedduu ta’an bakka qubannaa dhabuun maatiisaanii faana gidiraa hamaa argaa jiraachuufii irra deddeebiin qaama dhimmisaa ilaallatutti iyyatanis deebii gahaa dhabuu isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiiyaatti himaniiru.

Dinagdee Uummata Oromoo quucarsuun bara baraan gabrummaa jalatti hambisuuf jecha saamichi wal fakkaataan maqaa garaa garaatiin ilmaam Oromoo irratti xiyyeeffatamee golee Oromiyaa mara keessatti kaadirootaa fi hidhattoota Bilxiginnaatiin geggeeffamaa jiru hammaatee itti fufuu irra deddeebiin gabaasaa jiraachuun keenya kan beekamuudha.

Leave a Reply