ONM-ABO Waxabajjii 12, 2026
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu bulchiinsa magaalaa Warra Jirruu irraa gaafa Waxabajjii 11, 2026 loltoonni maafiyaa Bilxiginnaa maqaa sakattaa WBOn bobbaafaman qe’ee uummata nagaa goolaa turuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessaniiru.
Taateewwan badiisaa kunis bakka gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo torban darbe keessa garee faashistii Bilxiginnaa adabee mooricha keessaa guutummaatti baase ganda Sombo Sodeen Giittan oggaa, shiftoota kanaanis manni tokko gubachuun qabeenyi danuun manca’uu fi namoonni jumlaan qabamanii hidhamuun ibsameera.
Namni manni jalaa gubate kunis Obbo Qananii Jiraataa Jooraa kan jedhamu, qonnaan bulaa hirmaannaa siyaasaa kam keessaayyuu hin qabne waaree booda jalaa gubuus ibsaniiru. Mana isaa keessatti qabeenyaan argamu maallaqa danuun kan tilmaamamu oggaa tahu, jireenya maatiitti hadheessanii qe’ee golgoleessanii deemuus dubbatu.
Kana malees namoota naannoo sanatti argaman abbootii, daa’imman, hawwanii fi maanguddoota danuu qabuun kan hidhan oggaa ta’u muraasni maqaan nu qaqqabe:
- Dastaa Jiraataa,
- Indaaluu Jiraataa,
- Imaanee jiraataa fi
- Alamuu jiraataa obboleewwan oggaa tahaan
isaan malees namoota bakka sanaa hedduuu qabuun fuudhanii akka deeman addeeffameera.



