• Mon. Nov 23rd, 2026

Aanaa Jimmaa Raaree keessatti loltoonni Bilxiginnaa dargaggoota irratti reebichaa fi dararaa garaagaara raawwachaa jiraachuun beekame

Jun 12, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2026 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raaree magaalaa Waayyuu keessatti loltootni Bilxiginnaa dargaggoota maagaalichaa irraa rifeensaa muranii reebichaa fi doorsisa garaagaraa raawwachaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

Akka jiraattotni himanitti, loltootni Bilxiginnaa dargaggoota magaalaa Waayyuu keessa jiraatan “isin deggertoota WBOti” kanaaf rifeensa dheereffattanii magaalaa keessa deemtu jechuun reebichaa fi doorsisa garaagaraa irratti raawwachuun rifeensa dirqamaan irraa muraa jiraachuu jiraattotni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf itti dabaluun gabaasanii jiru. 

Murni Bilxiginnaa dargaggoota irraa shakkii Waraanaa Bilisummaa Oromootti makamu jedhu qabaachuun bakkoota garaagaraatti badii tokko malee Oromummaa isaaniif qofa yakkuun hidhaa hanga ajjeechaatti irratti raawwachuun dhiittaa mirga namoomaa fi duguuggaa sanyii irratti raawwachaa jiraachuun ifatti ni mul’ata.

Leave a Reply