• Thu. Jun 18th, 2026

Aanaa Najjoo keessatti kaabinootni/daldaalaa tokko hojii tikaa irratti bobbaafachuun himame 

Jun 12, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2026 

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Najjoo bulchiinsa magaalaa Najjoo keessatti kaadiroonni Bilxiginnaa daldaalaa maqaan isaa Amaanu’eel Waaqgaarii jedhamu hojii tikaa irratti bobbaasanii hawaasa magaalichaa irratti miidhaa raawwachaa jiraachuun himame. 

Jiraattonni magaalichaa ONM’f akka himanitti, daldaalaan kun yeroo garaa garaatti jaleewwan faashistii Bilxxiginnaa kaabinootaa fi humna waraanaa mana isaatti waamuun, akkasumas hoteela garaa garaatti afeerraa gochaafii akka jiruu fi kaffaltiin addaa bifa dhoksaadhaan kaffalameefii ilmaan Oromoo sabboontota ta’an irratti haala dhoksaa ta’een hiisisaa, reebsisaa, akkasumas ajjeechaa irratti raawwachiisaa akka jiru ifoomsaniiru. 

Murni saamtota Bilxiginnaa sadoo dhuunfaa isaanii guuttachuuf oliif gadi kaatan, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti, jaarraa tokko oliif ilmaan Oromoo bifa dhoksaa fi ifa galaa ta’een saamuun dinagdeen quucarsanii, gafa fedhan hidhanii haga mirga jiraachuu isaanii sarbaniitti duguugiinsa sanyii irrattii raawwachaa jiraachuun isaanii beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading