• Fri. Jul 31st, 2026

Aanaa Dharraa keessatti loltoonni Bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko ajjeesuun himame

Jun 12, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2026 

Godina Kaaba Shaggar aanaa Dharraa ganda Warree Gabroo gooxii Qundee jedhamu keessatti Waxabajjii 8,2026, loltoonni faashistii Bilxiginnaa qonnaan bulaa maqaan isaa Aabbuu Suudee Boruu jedhamu, badii tokko malee rasaasa itti roobsanii haala suukanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, qonnaan bulaan kun abbaa maatii 4 fi siyaasa kam keessa illee kan hin jirre yoo ta’u, gara jabeeyyiin loltoota PP garuu yakka tokko malee ajjeesuu dubbataniiru. 

Qonnaan bulaan kun mana isaatii qabamee torban tokko guutuu badii malee hidhattoota kanneeniin mooraa waraanaa bakkichaa keessatti reebichaa fi dararaaan garaagaraa erga irratti raawwtamaa turee booda, ajjeefamuun beekameera.

Aanicha guutummaa keessatti maqaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun, dhiittaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa adda addaa ilmaan Oromoo irratti raawwatu daran hammaatee jiraachuu maddeen dabaluun eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading