• Sun. Jun 14th, 2026

Aanaalee Godina Lixa Wallaggaa hedduu keessatti tarkaanfii WBO’n humnoota weerartuu Bilxiginnaa irratti fudhachaa jiru hordofee uummanni garee faashistii PP’n saamamuu, hidhamuu fi dhabamsiifamaa jiraachuun jabaate 

Jun 12, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2026 

Murni Bilxiginnaa uummata Oromoo gidirsuun jabdummaa sirnichaa mul’isuuf jecha guyyuu jireenya uummataa golgoleessaa kan jiran oggaa ta’u, tibba duulli waraanaa Egeree Oromiyaa labsamee kaasee godina Lixa Wallaggaa aanaalee garaagaraa keessatti miidhaa uummata irraan gahaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti magaalaa fi baadiyyaa keessa waraanni faashistii Bilxiginnaa naanna’uun hojiilee dabaa saamicha qabeenyaa addattuu horii ooffachuu, bilbiloota smart ta’an namoota harkaa fuudhuu fi maallaqa callaas doorsisanii saamaa jiraachuu dubbatu.

Kana malees ilaalcha WBO qabdu, paartii Badhaadhinaa hin filannee fi maqaalee dharaa adda addaa itti moggaasuun hidhuu fi hidhaa keessattis reebicha qaama laalessu irratti taasisanii qorqalbii hidhamtootaa haalaan miidhaa jiraachuus dabalaniiru.

Taateewwan kunneenis addattuu bakkeewwan lolli keessatti jabaatee jiru, aanaa Hoomaa, Laaloo Assaabii, Gullisoo, Lataa Sibuu, Qilxuu Kaarraa, Mana Sibuu fi kanneen biroo keessatti ta’uus addeessaniiru.

Dabalataanis hidhamtoonni siyaasaa gariin ammoo guyyaa qabamanii kaasee bakka buutee dhabamsiifamuu fi haala jireenya isaaniif yaaddeessaa keessa akka jiran odeessa jiraattota aanaalee adda addaa rraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa argate ni ifoomsa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading