• Sun. Aug 2nd, 2026

Aanaa Abaaboo Guduruunkeessatti loltoonni Bilxiginnaa uummata nagaa yeroo dheeraaf hidhanii hiraarsaa jiraachuun beekame

Jun 12, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2026 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruu Waajjira Poolisii Aanichaa Magaalaa Daduu keessatti loltoonni Bilxiginnaa namoota nagaa jumlaan hidhanii yeroo dheeraaf hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasan.

Akka maddeen ONM’f humanitti, loltoonni Bilxiginnaa uummata nagaatti maqaa garaagaraa moggaasuun sababa Oromummaa isaaniif yakkanii dararaa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe:

  1. Araarsaa Badhaasaa,
  2. Nagaroo Badhaasaa,
  3. Zalaalam Baanee,
  4. Dirbabaa Maallimaa fi 

kanneen biroo hedduu ta’an jumlaan ukkaamsanii Waajjiraa Poolisii Aanichaa Magaalaa Daduutti hidhanii hiraarsuun rakkoo nyaataa fi dhugaatii, xiin sammuu fi rakkoo fayyaaf saaxiluun gidiraa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu maddeen dabaluun ifoomsaniiru.

Murni Bilxiginnaa maqaa Oromoo dhahachuun aangoo barcuma siyaasaa impaayeratti erga dhuunfateen booda ilmaan Oromoo irratti yakkoota suukanneessoo raawwachuun lubbuu uummata nagaa kuma dhibbootaan lakkaa’amu galaafachuun, mana hidhaa golee Oromiyaa cufa keessa jiru bakka walitti qabama uummata nagaa gochuun hammeenyummaa fi diinummaa sirnoota darbaniin olitti raawwachuu itti fufee jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading