ONM-ABO Waxabajjii 12, 2026
Gareen dantaa barcuma isaa tikfachuuf gochoota jibbisiisoo ummata nagaa irratti hojjachuun beekamu Bilxiginnaan, Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Sadeen Sooddoo Ganda Algaa Wasarbii bakka addaa Qacama jedhamutti , gaafa waxabajjii 10, 2026 maqaa isin deegartota WBO’ti, isiintu nyaachisaa jira jedhu dahoo taasifachuun manneen ummata nagaa hedduu ta’an ibiddaan gubanii barbadeessuu jiraattoonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattota bakkichaa irraa odeeffanneetti lukkeeleen Bilxiginnaa manneen ummataa sababa tokko maleetti akka barbadaa’u taasisan kaadiree PP itti gaafatamaa waajjira paartii Bilxiginnaa aanaa sadeen Sooddoo dhalataa ganda Algaa Wasarbii nama maqaan isaa Baacaa Tashoomaa jedhamu yommuu ta’u, guyyoota lamaan darban dura dhaadannaa adda addaa gochuun waraana waamee kan gubsiise ta’uu jiraattonni dabaluun addeessaniiru.
Namoota manaa fi qabeenyi isaanii jalaa gubate keessaa kanneen maqaa arganne:
- Obbo Cannaqaa Gaannanaa Taaddasaa jalaa mana sadii (3) qabeenya guutuu waliin,
- Obbo Turaa Ciibsaa Boonsaa jalaa mana lamaa (2) fi qabeenya guutuu fi
- Obbo Aangessaa Jiidhaa jalaa mana tokko fi qabeenya guutuu waliin
gubanii barbadeessu jiraattonni ifoomsaniiru.
Oduu birootiin ammoo guyyaama sana uummata nagaa yeroo dheeraaf waliin jiraata turan ollaa Oromiyaa aanaa Sadeen Sooddootiin kan wal daangessan uummattoota kibbaa, Godina Guraagee aanaa Bu’ii jedhamtu gandoota lama kanneen maqaan isaanii ganda Bonuu Eeggaddoo fi Ammaawottee Laaligee jedhamaniin walitti kan buusan yoo ta’u kaadireen PP gocha kana adda durumman hojjataa jiru sabaan Amaaraa kan ta’e bulchiinsaa fi nageenya aanaa Sadeen Sooddoo magaalaa Culuullee nama maqaan isaa Warqinaa jedhamu ta’uu jiraattonni ONM dubbise ibsaniiru.
Diraamaa siyaasaa daballoonni Bilxiginnaa uummata Oromoo dadhabsiisanii umurii aangoo isaanii dheereffachuuf uummata Oromoo fi saboota ollaa walitti buusaa jiran yeroo garaagaraatti irra deddeebine gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.




