• Fri. Nov 20th, 2026

Haleellaa Ameerikaan halkan tokkotti Iraan irratti raawwatteen namootni sadii madaa’an

Jun 12, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2026 

Haleellaa Ameerikaan Kamisa halkan Iraan irratti raawwatte  bulchiinsa Teehraan keessatti yoo xiqqaate namoota sadii madeesse jechuun miidiyaaleen Iraan gabaasan.

“Haleellaa gara jabinaa Ameerikaan bulchiinsa Teehraan keessatti raawwatameen walqabatee namootni sadii madaa’aniiru,” jedhan itti gaafatamaan tajaajila balaa tasaa bulchiinsa kanaa Mohammad Esmaayil Tavakoli jedha dhaabbati oduu Faars.

Haleellaan kun baay’inaan kibba Iraan irratti kan xiyyeeffate ta’us, Koreen Eegdota Warraaqsa Islaamaa biyyattii Karaaj, Naazaabaad fi Pishvaa dabalatee bakkeewwan biroo magaalaa guddoo biyyattiitti dhihoo jiran rukutamuu isaanii ibseera.

Iraan gama isheetiin Kamisuma  kaleessaa waraana Baha Giddu Galeessaa ji’oota sadiif ture keessatti dhukaasa dhaabuun raafamaa ture amma “qabatamaa hiika hin qabu” jechuun haleellaa haaraa Ameerikaan Teehiraan irratti raawwatte kaasuun akeekkachifte. 

Guyyaa lammaffaa walitti aansuun haleellaa wal madaalu raawwataniin, Waashingitan dhaabbilee hordoffii, qunnamtii fi ittisa qilleensaa rukutte jechuun Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) kan ibse yoo ta’u, Koreen Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan ammoo “hojii adabbii” buufata Ameerikaa Joordaan irratti xiyyeeffate geggeessuu labsuun biyyoonni Galoo Galaanaa ammoo haleellaa itti dhufaa ture gabaasaniiru.

Leave a Reply