ONM-ABO Waxabajjii 13, 2026
Godina Lixa Shaggar Aanaa Dirree Incinni ganda Buuyyamaa Roggee keessatti ji’a darbe keessa qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Lammaa Badhaadhaa kan jedhamu abbaa maatii torbaa kan ta’e jalaa manaa jireenya isaa gubuun mooraa waraanaa taasifachuun yeroo amma kana qonnaan bulaan kun maatii isaa waliin bakkee keessatti gidiraa hamaa argaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Ormiyaatti himanii jiiru.
Akka maddeen ONM’tti himanitti qonnaan bulaa manni jireenya isaa jalaa gubate mooraa waraana PP ta’e kun badi balleesse qabaatee osoo hin taane maqaa ilmaa keetu WBO keessa jira jedhuun kan yakkan ta’uun barameera.
Murin maafiyaa Bilxiginnaa ilmaan Oromoo impaayericha keessatti argaman irattii yakka hojjetaa kan jiru ta’uu jiraattoni gandichaa ONMf dubbise adeesaniru jiru.
Murni abbaa irree Bilxiginnaa dinagdee ilmaan Oromoo quucarsuun sadoo dhuunfaa isaanii guuttachuuf oliif gadi kaatan goleewwan Oromiyaa cufaa keessatti sabboontota ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkanii qe’ee fi qabeenya saa barbadeessaa jiraachuun kan beekamuudha.






