ONM-ABO Waxabajjii 13, 2026
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raaree Bulchiinsa magaalaa Gooban keessatti Waxabajji 11, 2026 loltootni Bilxiginnaa nama maqaan ishee Aadde Balaaynesh Taaddasaa jedhamtu “ilmakeetu WBOdha” jechuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni himan.
Akka jiraattota irraa odeeffanetti, addee Balaaynesh Yakka dalagde tokkollee osoo hin qabaatiin sababa ilmi ishee miseensa WBO ta’eef qofa yakkuun mirga namoomaa irraa mulquun yakkamaa taasisanii loltootni Bilxiginnaa hidhanii hiraarsaa jiru jechuun jiraattotni dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.
Murni Bilxiginnaa lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu dadhabuun, Maatii qabsaa’ootaa irratti xiyyeeffachuun ajjechaa fi hidhaa raawwachuun qabsaa’oota Abdii kutachiisuu akka tooftaatti fayyadamuun golee Oromiyaa cufa keessatti Yakka tokko malee Sabboontota fi Maatii qabsaa’ootaa irratti yakkoota garaagaraa raawwachuun haaloo bahuuf dhama’aa jiraachuu gochoota yeroodhaa gara yerootti irra deddeebbiin raawwataman irraa hubachuun ni danda’ama.


