ONM-ABO Waxabajjii 13, 2026
Mariin haala yeroo irratti uummata bal’aa hirmaachise guutuu Oromiyaa bakkeewwan Waraanni Bilisummaa Oromoo socho’u maratti cimee itti fufee jiraachuun kan ibsamu oggaa tahu tibbanas Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaa fi Diggaatti hirmaannaa uummataa bal’aan gandoota hedduu keessatti geggeeffamaa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa addeesseera.
Kaayyoon marii kanaas burjaajii siyaasaa murni Bilxiginnaa aangoo isaa dheeressuuf jecha abboota, dargaggoota, shamarranii fi daa’imman ol adeemoo umriin isaanii loltummaaf hin geenye ukkaamsuun dirree lolaatti guuraa jiruun lubbuun namootaa dhibbootaan guyyuu darbaa oolu akka hir’atu, namoonni dirqamaan qabaman gara waraana Bilisummaa Oromoo akka dhufan hubannoo tolchuufiin barnoota haaromsaa kennaafii akka galan taasisuu irratti akka ta’e ibsameera.
Kana malees uummanni misooma irratti bobba’ee naannoo isaa kunuunsuu, qonna gahaa fi qabiyyee lafa isaa waliin deemu irratti akka xiyyeeffatu, tasgabbiiin barnoota isaa irratti namnuu jabaatee beekumsaan akka hubannoo argatuu fi kanneen biroo irrattis gorsa guddaan laatamaafii ture.
Dabalataanis qonnaan butoonni siyaasaa fokkisaa murni Bilxiginnaa qumaara hamaan sakaalee lubbuu dhalootaa bilaasha balleessu keessatti hirmaannaa gochuu dhiisee dhaloonni of tahee hojii isaa irratti akka xiyyeeffatuu fi akeeka qabsoo Bilisummaa Oromoos haalaan akka hubatuuf barnoonni kennameefii akka ture dabaluun addeessaniiru.
Uummanni barnoota kana fudhachaa ture, miira gammachuun guutameen abdii fuuldura isaa akeekaa, ilmaan isaa gabroomfataa fi gabrummaa hadheeffachuun dirree qabsoo jiran gama danda’un of kennee tumsuu fi egeree gabroomfataas dukkanaan golguuf of kenninsaan akka hojjetan ejjennoonis ibsaniiru.















