ONM-ABO Waxabajjii 13, 2026
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu keessatti ajjechaa, hidhaa fi reebichi ergamtoota Bilxiginnaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Jiraattota gandoota aanichaa adda addaa kanneen ta’an namootni hedduun baatii 3fi4 dura shakkii haala yeroo irratti hundaa’uun kan qabaman yoo ta’u, mana hidhaa aanichaa qofa keessatti yoo xiqqaate qonnaan bultoonni 300 ol hidhamanii jiraachuun ibsameera.
Namoonni kunneen haala yeroo fi siyaasa wal xaxaa murni Bilxiginnaa itti mareen kan hidhaman yoo ta’u, keessumaa namootni baay’inni isaanii hanga 30 ta’an deggertootaa fi loojistikii WBO’ti jedhamuun halkanii fi guyyaa reebichaa fi dararaa ulfaataan irratti geggeeffamaa jiraachuu jiraattonni dubbisne ifoomsaniiru.
Haaluma kana hordofee qonnaan bultootni badii malee sobaan yakkamanii hidhaman kunneen rakkoolee mul’ataa achi keessatti irra gahaa jiruun cinatti halkan halkan bifa dhoksaan baafamanii gara bosonaa geeffamuun ajjeefamaa akka jiraataan aanichaa torban muraasaaf hidhamee bahe tokko taatee ijaan arge ONM’tti himeera.
Mana hidhaa sana keessattis rakkoowwan danqaa jireenyaa hedduun hidhamtoota mudachaa jiraachuu kan himan jiraattonni, keessatti rakkoon nyaataa, dhugaatii, bakka bultii fi kanneen biroo kaasanii; keessumaa mana hidhaa kutaa baay’ee dhiphaa ta’e keessatti hidhamtoonni dhibbootaan lakkaa’aman walirratti galuun dhibeewwan fayyaa garaagaraaf wal saaxilaa jiraachuus dabaluun addeessaniiru.
Guutummaa godinichaatti hidhaan haalaan jabaachuu kan himan jiraattonni aanichaa, keessattuu torban lamaan darban keessa duula waraanaa Egeree Oromiyaan ABO-WBO’n labsamee hojii jajjabaan hojjetamuu hordofee jiraattonni hedduun sadarkaa hojii garaagaraa irratti argaman yakkaa fi gaafatama seeraa tokko malee ukkaamsamuun hidhamanii dararaa hamtuu keessumessaa jiraachuun ifoomeera.
Adda duree murna maafiyaa Bilxiginnaa kan ta’e koloneel Abiy Ahimed waraana Bilisummaa Oromoo lolaan injifachuu akka hin dandeenye waan beekuuf, waa’ee gama rakkoo nageenyaa impaayerattii wayita kaasu “riphee lolaa baasuun qonnaan bulaa morma hudhanii qabuuni” jechuun shiftoota ergamtoota isaa goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaasee qonnaan bultoota siyaasa keessa hin beekneen yakkuun ajjeesisaa kan jiru ta’uun ni beekama





