• Mon. Nov 23rd, 2026

Aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti jaleewwan Bilxiginnaa barsiisaa tokko ukkaamsanii bakka buutee dhabamsiisuun dhaga’ame

Jun 13, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 13, 2026 

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti gaafa Waxabajjii 7, 2026 barsiisaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa kan ta’ee nama maqaan isaa Obbo Hirphaa Guddisaa jedhamu hidhattoonni Bilxiginnaa ukkaamsaanii bakka buutee dhabamsiisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Lukkeeleen sirnichaa maqaa “hidhata WBO qabda” jedhuun yakkanii halkan keessaa toora sa’aatii 5:00tti mana jireenyaa isaa keessaa butanii ba’uun hanga yeroo gabaasni kun qindaa’eetti achi buuteen faana miilla isaa dhabamee jiraachuu maddeen eeraniiru.

Sirna dhableeyyiin ergamtoota Bilxiginnaa Waraana Bilisummaa Oromoo lolaan injifachuu dadhabuun gara maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromootti deebi’anii sababoota sobaan yakkuun dhiittaa mirga namoomaa ulfaataa irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply