• Sun. Jun 14th, 2026

Humni qilleensaa Bilxiginnaa aanaa Dugdaa keessatti qe’ee uummataa irra deddeebiin barbadeessaa jiraachuun ifoome

Jun 13, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 13, 2026 

Humni qilleensaa garee Bilxiginnaa Godina baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti irra deddeebiidhaan qe’ee uummataa barbadeessaa akka jiru jiraattonni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan. 

Murni siyaasaa fi amantii walitti marquun uummatarratti  sirna mootii gonfoo ‘monaarkiizim’ barri isaa darbe uummata Oromoo kutaan qoodee diriirsuuf kan deemaa jiru Bilxiginnaan, Godina baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa bakka addaa Horofee jedhamee waamamu keessatti halkan edaa sa’aatii 4:30 irratti mana uummata nagaa dirooniin haleeluun qabeenya waliin barbadeessuu isaa jiraattonni kan himan yoo ta’u, dhukaasa kanaanis uummanni baqachuun  miidhaa inni lubbuu namaarraan ga’e hanga ammaatti akka addaan hin baane himu. 

Gareen walitti qabama maafiyaa ta’e kun humna qilleensaa impaayerattii kan dhuunfaa isaa taasifatee lammiilee nagaa Impaayerattii keessa jiraatan naannolee kanneen akka Tigraay,Amhaaraa,Oromiyaa guutuu keessatti diroonii gosa baayiraaktar Tii biituu, helicoptera lolaa ‘attaaker’ kanneen akka miig_23, Suu_27 akkasumas yeroo dhiyoo kanammoo Yaakaa_ 130 oomisha Raashiyaa kan ta’e bu’uuraalee misoomaa lammiilee Impaayerattii kanneen akka sectera barnootaa, fayyaa, daandii fi kanneen biroo baajata ramadameef guutummaatti bittaa meeshaalee waraanaa fi hidhattoota naamusa hin qabne leenjisuutti garagalchee kan kan jiru yoo ta’u, baatii darbe qofa bittaa meeshaalee xiyyaara waraanaa geejjibaa fi boomber ta’aniif baasii doolaara Ameerikaa miliyoona 172.85 taasisuu isaa BBC’n gabaasee tureera.

Humni qilleensaa bilxiginnaa kun torban darbe keessa Duula Egeree Oromiyaa fuuldura Oromiyaa tolchuuf labsamee uummataan deggeramuun injifannoowwan garaagaraa meeshaalee guguddaa dugda diinaa irraa hiikuu akkasumas daandii geejjibaa istiraateejik ta’an daandii Itiyoo_jibuutii, uummata kibbaan kan wal quunnamsiisu haay wey, naannoo Amhaaraan kan wal quunnamsiisu akkasumas kallattii lixaan daandii guddicha Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaa waliin kan wal quunnamsiisu cufamuun filannoo kijibaa marsaa 7ffaa  dibbee dhaanaa turan, qircaa bilxiginnaa qofa akka ta’u WBO’n taasisuu hordofee, lola lafootiin gooticha sabaa dadhabuun miira aariin guutamuun sabaa fi sablammoota Oromiyaa keessa jiraatan godinaalee Arsii, kibba lixa shaggarii fi kanneen biroo bifa adda addaan walitti buusuu akkasumas xiyyaarota garaagaraa fayyadamee uummata nagaa fixuurratti xiyyeeffateera. 

Haalli kun osoo kanaan jiruu murni kun siyaasaan dhibdeelee isa mudate furuu dadhabuun, guyyaa dheengaddaa garee finxaalessaa RSF humna lafoo fi qilleensaan ergama UAE gooftaa isaa kan taate fudhachuun humna waraanaa biyyoolessaa Sudaan osoo lolanii dirooniin qilleensarratti haleelamuun Kurmuk bakka jedhamtu daangaa Beenishaangulii fi Sudaan gidduutti kuffisuu isaanii Sudaan Tiriibuun akkasumas miidiyaaleen gurguddoo idil_addunyaa gabaasaa kan jiraniidha. 

Gareen saamichaan lammiilee  Impaayerattii quncaasee jiru kun, liqii maallaqaa doolaara biliyoona tokkoo ol kaffaluu kan dadhabe ergama IMF itti kenne fudhachuun baajata waggaa dhufu qarshii tiriliyoona 2.3 raggaasisee uummaticha maallaqa irraa saamuun qorquuf akka jiru xiinxaltoonni himaa kan jiran yoo ta’u, lammiilee Impaayerattii galaana hiyyummaatti galchuun kan duraanii caalaatti  beelessuuf akka jiru himamaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading