• Sun. Jun 14th, 2026

Murni Bilxiginnaa haleellaa WBOn irratti fudhataa jiruun rifaatuu guddaa keessa seenanii maallaqa Baankota aanaalee godina Qellem Wallaggaa keessa jiru keessa baasanii fe’aa jiraachuun ibsame

Jun 13, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 13, 2026 

Murni Bilxiginnaa yaaddoo fi sodaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoof jecha godina Qellem Wallaggaa aanaalee jiran keessaa fi bulchiinsa magaalaa Gimbii dabalatee Caamsaa 11, 2026 irraa eegaluun Baankoota jiran cufa keessaa maallaqa baasuun gara magaalaa Naqamteetti fe’aa jiraachuun ifoome.

Karaa kaadirootaa fi ajajoota waraana isaaniitiin WBO balleessineerra, kana booda Oromiyaa keessatti yaaddoo nageenyaa ta’uu hin danda’an jechuun irra deddeebiin olola sobaa facaasaaa turanis, dhugaan jiru akka isaan jedhan osoo hin taane WBOn guutuu Oromiyaa fi Zooniilee cufa keessatti kan duraa caalaa humna isaa jabeeffachaa akka jiru hojiin dirree lolaa irratti taasifamaa jiru ni mul’isa.

Tiyaatira maqaa filannoo jedhuun cidha Bilxiginnaan dhiyeenya kana qopheeffatee ture hordofee duula Waraana maqaa Egeree Oromiyaan labsameen injifannoo magaaloota aanaa heddu cabsuun hidhamtoota siyaasaa dhibbootan lakka’aaman mana hidhaatii baasuun isaa ni yaadatama.

Kanumaan walqabate WBOn Zoonii Lixaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaa fi aanaa Gullisoo jalatti tarkaanfii jajjabaa fudhateen humna waraana Bilxiginnaan baay’ee itti abdatu hedduu barbaddeessuun meeshaalee waraanaa garee fi dhuunfaa lakkoofsaan hedduu dugda diinaa irra hiikee galii Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoof oolcheraa.

Tarkanfii rifaasisaa waliitti fufiinsaan WBOn fudhataa jiru kanaan kaadiroonni Bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Gimbii dabalatee naasuu guddaa keessa seenuun Caamsaa 10, 2026 Baankoota magaalichaa keessa jiran keessaa fe’uun gara magaalaa Naqamteetti guuraa jiraachuu maddeen godinichaa ONMtti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading