ONM-ABO Waxabajjii 13, 2026
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Walee Leemmuu mana Barumsaa Biilaa sadarkaa 2ffaa keessa loltootni Bilxiginnaa qubachuun qabeenya Mana barnootichaa keessa jiru mancaasaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattotni ONM’f gabaasanitti, loltootni Bilxiginnaa Aanaa Gudayyaa Biilaa irraa gara ganda Walee Leemmuutti bobba’uun Mana Barumsaa Biilaa sadarkaa 2ffaa keessa qubatanii kutaa dookimentiin Barataa fi Barsiisaa keessa jiru cabsuun seenanii qisaasessuun akka fedhan gochaa jiraachuu jiraattotni dabaluun ifoomsaniiru.
Murni Bilxiginnaa namoota hawaasa keessa jiraatan keessatti hojii kashalabummaa raawwachaa turuun safuu fi naatoo uummata isaaniif hin qabne waliiti qabuun leenjisee Uummata nagaatti bobbaase qabeenya uummataa saamsisaa, lubbuu namoota nagaa galaafachiisaa akkasumas badii tokko malee yakkuun hidhee dararuun shiftummaa daangaa hin qabne qabeenya uummataa fi lubbuu uummataa irratti raawwachaa jiraachuu yakkoota guyyaan guyyaan raawwataman irraa hubachuun ni danda’ama.



