• Sat. Jun 20th, 2026

Magaalaa Adaamaa bakkoota garaagaraatti waraanni Bilxigginnaa raafama hamaa keessaa jiraachuun ifoome

Jun 13, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 13, 2026 

Akka odeeffannoon argamee ibsutti, Baha Oromiyaa, Lixa Oromiyaa fi Giddugala Oromiyaa keessaa bakkeewwan hedduutti lola waraana bilisummaa Oromoo WBO fi waraana Bilxiginnaa gidduutti taasifamaa jiruun walqabatee waraanni Bilisummaa Oromoo akkumaa beekamuu waraana Bilxiginnaa lolaa irratti bobbaafaman ari’uun meeshaalee waraanaa garaagaraa irraa hiikuun humnoota waraana PP bakka lixaa dhorkee goleewwan Oromiyaa cufatti gariin boji’aa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, haala kana hordofee waraanni fi milishootni Bilxigginnaa lolicha keessatti hirmaatan lubbuu isaanii oolfachuuf baqachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Milishoonni lubbuu isaanii baraaruuf deebi’an kunneen booda hoggantoota isaanii keessaa namoota muraasaan qabamuu, hidhamuu fi tarkaanfii cimaan irratti fudhatamaa jiraachuun himameera.

Keessumaa milishoota lolicha keessaa bahanii lubbuu isaanii baraaran irratti “maaliif deemtee loluu didde” jechuun adabbii fi dararaan cimaa irratti  raawwatamaa jiraachuun ibsameera.

Murni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo qawwee hidhachiisuun dirqiin lola isaan hin ilaallannee keessaatti hirmaachisaa jiraachuun, yeroo isaan lola keessaa baqataan immoo gariin ajjeefamuu gariin reebichaa fi dararaa cimaa qaama isaanii irratti geessifama jiraachuun yeroo irraa gara yerootti ifa bahaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading