ONM-ABO Waxabajjii 14, 2026
Godina Baha Harargee aanaa Baddannoo ganda Gooroo Wadoo jedhamu keessatti loltootni Bilxiginnaa gaafa Waxabajjii 8, 2026 irraa eegaluun ilmaan keessan gara leenjii waraanaatti hin ergitan taanaan maallaqa kaffaluu qabdu jechuun matta’aa jiraattota irraa guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himaniitti, kaabinoonni Bilxiginnaa kunneen jiraatoota gandichaa irraa akka gareetti hoolaa tokko tokko doorsisanii harka guuraa jiraachuu eeranii jiru.
Jaleewwan Bilxiginnaa, galii impaayerattii kufe mataa ol qabanii bayyanachiisuuf hawaasa irraa dhalatan afaan qawween gara fedhanitti oofan, maqaa adda addaa da’oo taasifachuun saamicha bifa haarawaan kan itti fufanii fi namoota waan fidanii kaffalan dhaban irratti hiraarsaa adda addaa raawwaachuun kaffalchiisaa jiru.

