• Thu. Jun 25th, 2026

Ergamtootni Bilxiginnaa Aanaa Sirkaa keessatti manneen jiraattotaa abiddaan gubanii barbadeessuun dhaga’ame

Jun 14, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 14, 2026 

Godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Soolee Diigaluu fi Gunaa jedhamu keessatti Waxabajjii 11, 2026 loltootni Bilxiginnaa manneen qonnaan bultoota nagaa qabeenya guutuu waliin gubanii barbadeessuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Namoota haala kanaan qe’ee fi qabeenya isaanii dhaban keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Abduljaabar H/Dheekoo,
  2. Sulxii Abdallaa Mahaammad, 
  3. Abdallaa Maammad Duubee,
  4. Isheetuu Jiimaa Daammasaa fi
  5. Indaalaa Bayyanaa 

kanneen jedhaman yommuu ta’an, manneen kana keessaa hawaasni midhaan soorataa irraa kaasee meeshaalee hunda kan hin buufanne ta’uus jiraattonni dabaluun gabaasanii jiru.

Bakkeewwan socho’an maratti gochoota suukanneessaa fi rifaasisaa raawwachuun ilmaan Oromoo dararaa kan oolan loltootni Bilxiginnaa, hojii isaanii hammeenyaa kana jabeessuun golee Oromiyaa maratti ilmaan Oromoo boossisaa akka oolan yeroo garaa-garaatti gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading