ONM-ABO Waxabajjii 14, 2026
Afaan dhadhaa dibatee miidiyaa gubbaatti bahuun siidaa gootota Oromoo ijaarsisna jechuun holola hafarsaa, faallaa isaa kan raawwatu murni Bilxiginnaa, Godina Jimmaa aanaa Botor Xoollay ganda Yaatuu Dhahee bakka addaa Caffee jedhamutti siidaa yaadannoo weellisaa Hacaaluu Hundeessaa waggaa tokko dura dhaabbate lukkeeleen Bilxiginnaa halkan buqqisiisuun akka waan sabni biraan gocha kana raawwateetti uummata sobaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti, bakka siidaan dhabbatee jiruu sanaa kana dura kan jiru biqiltuu Odaati, biqiltuu odaa sanaa ammoo lukkeeleen Bilxiginnaa ofii buqqisuun akka waan sabni biraan buqqiseetti achii buqqisani gatuun ergasii booda uummanni naannichaa siidaa kana dhaabbate, siidaa dhabbatee kana immoo ergamtoonni Bilxiginnaa gaafa Waxabajjii 11, 2026 halkaan buqqisani gatuu maddeen ONM’tti himaniiru.
Akka jiraattonni dubbisne tokko tokko himanitti, sababa kanaan wal qabatee yeroo ammaa kana walitti bu’iinsi uumamee jiraachuu fi walitti bu’iinsa uumamee kanaan manneen jiraattotaa gubachuu dabalatee miidhaan namaa fi qabeenya uummataa irra gahee jiraachuu ibsaniiru.
Faashistichi koloneel Abiy Ahimed akkuma miidiyaa gubbaatti bahuun aangoo irra turuuf sabaa fi sablammoota wal lolchiisee umurii aangoo isaa dheereffachuu ni dandeenya jechuun dubbataa ture, kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti uummata Oromoo sabaa fi sablammootaa impaayerattii waliin walitti buusuuf tuttuqaa jiraachuun ni beekama.




