ONM-ABO Waxabajjii 14, 2026
Godina Baha Shaggar bulchiinsa magaalaa Bishooftuu gandoota garaagaraa keessatti murni Bilxiginnaa namoota nagaa hidhaa akka jiran jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan
Murni Bilxiginnaa alaan maqaa uummata Oromoo maxxanfatee keessoon immoo sababoota garaagaraa ofuma isaaniitii uumuun uummata nagaa jechaa fi gochaan qoqqooduun hidhaa fi ajjeechaa guyyuu raawwachaa kan oolan, godina baha Shaggar keessatti kan argamtu iddoo istiraatejii adda addaa kan taate bulchiinsa magaalaa Bishooftuu gandoota kanneen akka Jiituu, Qaajimaa ykn yeroo ammaa Dhakaa Booraa kan jedhamtu toora industirii Awutomootiivii Bishooftuu Itiyoo-Injiinaringi giruup jalatti kan argamu, ganda 06 toora humni qilleensaa impaayerattii keessatti argamu, Geetisheet, Saan Shaayin, naannoo dhaabbata industirii Chaayinaa ‘( Istern industirii’), Sarkilii fi kanneen biroo maqaan hin eeramin keessatti namoonni nagaan hidhamaa akka jiran jiraattonni magaalichaa dubbisne tokko tokko ni dubbatu .
Akka jiraattonni kunneen yaada isaanii ONM’f qoodanitti, magaalaa kana keessatti shakkiidhaan hidhamuun namoota nagaa bubbulee akka jiru kan himan yoo ta’u, haa ta’u malee jala bultii filannoo fakkeessii marsaa 7ffaa dibbee tumaa turan qircaa Bilxiginnaa ta’ee kan darberraa kaasee haalli hammaachuu dubbataniiru
Akka keessa beektonni magaalichaa ganda 06 toora humni qilleensaa impaayerattii itti argamuu jedhanitti, hojjattoonni waraanaa ogummaa garaagaraatiin dhaabbaticha keessa hojjetan jala bultii filannoo kijibaa kanaaf naannoo kanatti torban lama dura bobba’anii akka turan eeruun, ganduma kana daandii moofaa magaalaa Mojootti geessu irratti kan argamtu mana daabboo hojjattoota humna qilleensaa toora sana namoota jiraachaa turan barsiisaa tokko dabalatee namoonni afur qabamanii mana hidhaa waajjira poolisii magaalichaa ganda Shan Calalaqaatti kan argamuu fi namoonni hedduun keessatti hidhamanii jiranitti geessanii akka hidhan himu.
Duula egeree Oromiyaa fuuldura Oromiyaa tolchuuf duula waraanaa fi uggura geejjibaa gaaffii uummataatiin ABO-WBO’n labsamee uummata Oromoon deggerame hordofee, tarkaanfii waraanaa Oromiyaa guutuu zooniilee saddeet keessatti fudhatameen wal qabatee kaabinoonnii fi hoggantoonni waraanaa olaanoon magaalicha keessa jiran sodaa keessa galanii kan jiran yoo ta’u, keessumaayyuu naannoo Aabbuu Seeraa bakka murni Bilxiginnaa qonnaan bultoota Oromoo Tuulamaa beenyaa tokko malee irraa buqqaasuun facaasetti WBO’n tarkaanfii fudhachuu isaa hordofee caalaatti raafamuu isaanii irraan kan ka’e namoota nagaa jireenya dhuunfaa isaanii jiraatan waardiyyootaa fi waraana ogummaan humna qilleensaa keessa hojjetan bakka addaa Dhankaakaa jedhamu naannoo industiriin meeshaa waraanaa Gaafaat ‘Gaafaat armaanent’ argamutti WBO waliin hariiroo qabdu ittiin jechuun namoonni nagaan guuramanii hidhamuu isaanii hojjetaan humna qilleensaa ganda saddeet kondomiiniyemii waraanaaf kenname keessa jiraatu tokko ONM’f addeesseera.


