• Tue. Jun 16th, 2026

Somaaliyaan Israa’el Somaalilaandiif beekamtii kennuun ishee itti fayyadamuufi jechuun balaaleffatte

Jun 14, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 14, 2026 

Prezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Israa’el Somaalilaandiif beekamtii kennuu ishee balaaleffachuun, Tel Aviiv waldhabdee Moqaadishoo fi naannoo addaan ba’e gidduu jirutti fayyadamaa jirti jechuun himatan.

Sanbata kaleessaa Israa’el naannichaaf beekamtii kennuun ishee seenaa Somaaliyaa keessatti guyyoota dukkanaa’oo ta’an keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

“Teel Aviiv waldhabdee yeroo dheeraa Moqaadishoo fi Hargeeyissaa gidduutti uumame fayyadamaa jirti,” jechuun Mohaammud gaaffii fi deebii buufata miidiyaa biyya keessaa Moqaadishoo keessa jiru Dawan TV waliin taasisaniin dubbataniiru.

Moqaadishoo dhimma naannoo addaan ba’e kana furuuf karaalee lama ta’uu danda’an ilaaluun humna irra marii fi amansiisuu filataniiru jedhan.

”Waggaa 30 ol kan fudhate ta’us, haala jiru keessatti mala hunda caalaa mijatu ture,” jedhan.

Somaaliyaan Israa’eel waliin hariiroo dippilomaasii uumtee hin beektu jechuun, Israa’el akka nama ummata Falasxiin weerartuutti ilaalla jedhan.

Israa’el naannoo Somaalilaandi addaan baate dhuma Muddee 2025tti akka biyya abbaa biyyummaa walabaatti beekamtii kenniteetti.

Bara 1991 Somaaliyaa irraa walabummaa erga labsitee booda beekamtii seeraa kan hin arganne Somaalland, qaama bulchiinsaa, siyaasaa fi nageenyaa walaba ta’ee qabatamaan sochooti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading