• Mon. Jun 22nd, 2026

Aanaa Daarimuu keessatti jaleewwan Bilxiginnaa qonnaan bultoota xaa’oo dhorkachuu, lafa qonnaa ugguruu fi saamicha geggeessuun cimee itti fufe 

Jun 14, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 14, 2026 

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu gandoota baadiyyaa hedduu keessatti jaleewwan murna Bilxiginnaan bobbaafaman hawaasa qonnaan bultoota ta’an irratti dararaa raawwachaa jiraachuun himame. 

Gareen dantaa dhuunfaa isaaniif bitamanii hawaasa mankaraarsaa oolan ergamtoonni Bilxiginnaa, aanaa Daarimuu keessatti jiraattota gandoota garaagaraa kanneen akka ganda Waabeekoo, Eeffarsii, Gungumii fi Dhaabuu Goobaraa jedhaman keessatti xaawoo calla guddistuu qotee bultootaaf dhiyaate saamanii abbootii qabeenyaatti gurgurachaa jiraachuu jiraattonni saaxilaniiru.

Sababoota garaagaraa hawaasa irratti funaananii uggura tolfachuun, namni gibira hin kaffalle xaawoo fudhachuu hin danda’u sababa jedhuun qonnaan bultoota hiraarsaa akka jiran beekameera. 

Gibirri waggaatti marsaa tokko kaffalamu bara kana keessa yoo xiqqaate marsaalee 5 fi 6 ol irraa guuramaa bahuu kan himan jiraattonni, tibba qonna arfaasaa qotee bulaan rooba gannaatti fayyadamee oomishaa fi oomishtummaa isaa isaa guddifatu kanammoo tooftaa saamichaa bifa biraan bocachuun gibira fuula haaraa fi gatii xaawoo walitti qabsiisanii saamicha daangaa darbe geggeessaa jiraachuu addeessaniiru. 

Kanaan dura xaawoon mankuusaa isaatti buufamee qonnaan bultoonni gatii madaalawaaa ta’een bitachuun amaleeffatamaa kan ture yoo ta’u, bara kanammoo keessattuu tibbana harka daldaltoota kaabinootaan walitti dhufeenya qabanii fi kaadiroota Bilxiginnaatti galfamuu hordofee qonnaan bultootni sababa hanqina calla guddistuun mudateef hanqinni oomishaa isaan yaaddessuu ifoomsaniiru. 

Kana malees wayita namoonni kallattii biraan barbaadanii magaalaa irraa bitatan qawwee qabatanii daandiitti bahuun saamaa jiraachuu kan himan jiraattonni aanichaa, namni kallattii keenyaan ala bakka biraatii xaawoo bitee argame tarkaanfiitu irratti fudhatama jedhanii doorsisuun cinatti kanneen carraa argataniin bakkeewwan biroorraa bitatan daandiirratti meeshaalee namootaa sakatta’uun harkaa saamaa jiraachuu dubbatu. 

Haala kana hordofee daataa fi galmee namoota calla guddistuu nu biraa bitatanii maqaa fi kaffaltii bitame waliin waan of harkaa qabnuuf namni kamiyyuu hanga galmaa’ee xaawoo keenya bitatutti lafa isaa qotuu hin qabu, qotee yoo argame ammoo tarkaanfii cimaatu irratti fudhatamas jechuun akeekkachiisanii hawaasa sodaachisuun lafa qonnaarraa ugguraa jiraachuus ifoomsaniiru. 

Aanichatti adda durummaan shiftoota bobbaasee hawaasa saamsisaa kan jiru bulchaa aanichaa nama maqaan isaa Taarikuu jedhamu yoo ta’u, shiftoonni inni bobbaase guyyoota gabaa fi kan biroo daandiitti bahanii maallaqa saamuu jabeessuun qarshii 50,000 hanga 100,000tti dinagdee hawaasa meesha maleeyyii quucarsaa jiraachuun himameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading