• Fri. Nov 20th, 2026

Aanaalee Godina Lixa Harargee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraatoota jumlaan ukkaamsanii gara addaa waraanaatti guuruu cimsanii itti fufan

Jun 14, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 14, 2026 

Kufaatii siyaas-dinagdee keessatti danqamee furmaata kan dhabe murnii Bilxiginnaa ilmaan Oromoo jumlaan ukkaamsuun gara mooraa leenjii sirnichaatti guuruu hammeessee itti fufee jiraachuun ni beekama. 

Godina Lixa Harargee aanaalee argaman mara keessatti loltoonni maafiyaa Bilxiginnaa jiraattota jumlaan ukkaamsuun gara mooraa leenjii sirnichaatti guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Akka jiraattonni dubbisne tokko tokko jedhanitti, tiksitoonni barcuma abbaa irree kolonel Abiy Ahimed kanneen hammeenyummaa qofa barsiifamuun lammiilee nagaa akka goolaniif bobbaafaman kunneen sabaa fi sablammootaa impaayerattii keessaa addatti ummataa Oromoo keessattuu maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo ukkaamsuun gara dirree waraanaatti erganii leenjii guyyoota muraasaa laachuufiin gara ibiddaatti naqanii ficcisiisuun haadha hiyyeessaa qara ilaalchisaa jira jechuun dubbataniiru. 

Akkuma aanichaa guutummatti dararaan qonnaan bultoota Oromoo irratti lukkeelee Bilxiginnaan rawwatamu kan duraa caalaa garmalee hammaachuu himanii, hawaasni qaama itti iyyannus dhabnee rakkoo ulfaataa keessa jirra jechuun yaaddoo qaban ibsataniiru. 

Kana malees, murni Bilxiginnaa guutuu Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo kuma dhibbaan lakkaa’aman gara leenjii milishummaatti dirqamaan galchaa jiraachuu fi namoota leenjii kana didan irratti gochaalee gara jabinaa hanga ajjeechaatti raawwachaa jiraachuun yeroo gara garaatti gabaafamaa turuun ni yaadatama.

Leave a Reply