• Sun. Nov 22nd, 2026

Gaazexeessituun lammii Faransaayi taate tokko gabaasaaf gara Tigraayi imaluu hordofee heyyamni hojii fi jireenyaa jala haqamuun dhaga’ame

Jun 14, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 14, 2026 

Abbootiin taayitaa Miidiyaa Impaayeraatti baatii kana dura gara Tigraayitti imaluun gabaasa dhiyeessuu ishee hordofanii eeyyama hojii gaazexeessummaa akkasumas kan jireenyaa Gaazexeessitu lammii Faransaay kan gaazexaa Kaatoolikii La Croix keessaa hojjattu tokkoo haquun gabaafame.

Gareen ajjeechaa fi saamichaa “Bilxiginnaa” jedhamu waggoottan saddeettan darban kana keessatti Walabuumma miidiyaa guutuummatti ugguruun Gaazexeessitoota baay’inni isaanii 200 ol ta’an ajjeesee, 250 ol ta’an ammoo mana hidhaatti darbachuu fi 60 ol kan ta’an immoo biyya irraa ari’uun abbaa irrumma isaa ifatti mul’iseera.

Impaayeeratti keessatti bara bulchiinsa Abiyyii Ahimad gama miidiyaan yaada faallaa maddisisuun wal falmuu osoo hin taane komii fi rakkoo hawaasaa ogummaa Gaazexeessummatti fayyadamanii ibsuun qofti yakka ulfaataa hanga murtee du’aatti nama adabsiisu akka ta’e miidiyaaleen garagaraa gabaasa turaniiru.

Murni Bilxigginnaa miidiyaalee garagaraa namusa ogummaa Gaazexeessummatti sirnaan fayyadamuun yaada burqisiisani fi komii hawaasaa dhiyeessan guutuummatti balleessuun faarsee bultoota waa’ee isaa qofa odeessaa oolan maqaa Raayyaa Miidiyaa jedhuun ijaaree hojii burjaajii fi waliin dhahaa akka gabaasaniif hawaasa keessatti bobbasee jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply