ONM-ABO Waxabajjii 14, 2026
Konkolaachistoota meeshaalee garaagaraa fe’uun magaalaa Finfinnee irraa garaa magaalaa Naqamtee deeman loltoonni Bilxiginnaa keellaa irratti eeganii afaan qawwee itti qabuun tokko tokkoon isaanii irraa qarshii 40,000 saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasan.
Akka maddeen ONM’f gabaasanitti, loltootni Bilxiginnaa sababa hin beekamneen konkolaachistoota dirqisiisuun nagahee seeraa tokko malee saamicha humnaa olii afaan qawween irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, namoota sababa maaliif kaffallaa? jedhanii gaafatan immoo doorsisa garaagaraa irratti raawwachuun akka waan ergama qaama biraa qabaniitti fakkeessanii qorannoo irratti gaggeessaa jiraachuu maddeen dabaluun gabaasaniiru.
Murni Bilxiginnaa kufaatii dinagdee isa mudate irraa bayyanachuuf sababa garaagaraa tarreessuun Kaadirootaa fi loltoota isaa uummata nagaatti bobbaaseen saamicha daangaa hin qabne raawwachuun dinagdee Uummata Oromoo laamshessee hiyyummaa keessatti kuffisuun harka ofiitti galfachuuf tarsiimoo baafatee hojjechaa kan jiruu fi maafiyoota sadarkaa garaagaraatti ijaaree tooftaa ittiim uummata saaman bocachuun golee Oromiyaa cufa keessatti haadha hiyyeessaa osoo hin hambisiin saamuun shiftummaa daangaa hin qabne raawwachaa jiraachuun ni beekama.





