• Thu. Mar 23rd, 2023

Mootummaan sirna PP godina baha Shaggar ona Boosat ganda Siifaa Battee ni barbadeessina jechaa

Feb 28, 2022

Mootummaan sirna PP godina baha Shaggar ona Boosat ganda Siifaa Battee ni barbadeessina jechuun uummatni ofiin akka buqqa’u gochaa jiraachuun dhagaa’ame.

(ONM-ABO Guraandhala 28,2022)

Mootummaan sirna PP waraana isaa meeshaa hanga funyaanitti hidhate waraana Bilisummaa Oromoo loluuf bobbaasee akka itti milkaa’uu dadhabe qabatamaan lola keessatti kan mul’ataa jiruu fi haasaa mataan nafxanyootaa Abiy Ahimed paarlaamaaf Guraandhala 22,2022 taasise irraa beekuun ni danda’ama.

Haala kanaanis Guraandhala 28,2022 godina baha Shaggar ona Boosat ganda Siifaa Battee keessatti lola guyyoottan lamaan darban gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo waliin waraanni sirna PP geggeesseen kasaraa cimaan lubbuu fi qabeenyaa ishee irra waan ga’eef olola qindaa’aa bor jechuun Guraandhala 29,2022 irraa kaasuun humna waraanaa PP cufa gargaaramne ganda Siifaa Battee WBOn injifannoo boonsaa keessatti argate guutummaatti ni barbadeessina jechuun olola hawaasa gidduutti gadhiisaniin hawaasni waan qabu fudhatee buqqaa’aa akka jiru maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Lola dadhabee olola facaasuun uummata shororkeessuun amala mootummaa maafi’aa PP ta’uu kan beekamu yoo ta’u olola ta’e jedhamee uummata dalagaa isaa irraa jeequun jireenyaa isaanii harkaa bittinneessuuf mootummichi gochaa jiru jireenya qonnaan bultootaa haalaan akka miidhu beekamaadha. Kanaaf uummanni Oromoo ona Boosat ganda Siifaa Battee keessa jiru mootummaa kijibaa ololaan dantaa siyaasa isaa tikfachuuf hojjetu dhaga’uu dhiisanii gochi farrummaa mootummichi bifa ololaanis ta’e qabatamaatti ajjeechaa fi manneen qonnaan bultoota gubuu godinoota akka Wallaggaa, Gujii , Booranaa fi lixa Shaggar keessatti raawwachaa ture iyyuu mootummichaaf jijjiirama osoo hin fidin uummaticha qabsootti waaan jabeesseef olola kanaan akka qe’ee keessan irraa hin deemne jechuun kan dhaaman Qeerroo Bilisummaa Oromoo ona Boosati.

ONM-ABO Guraandhala 28,2022

Leave a Reply