• Tue. Dec 5th, 2023

WBO zoonii GG kaaba fi kaaba lixa Shaggar tarkaanfii laalessaa fudhateen

Feb 28, 2022

WBO zoonii GG kaaba fi kaaba lixa Shaggar tarkaanfii laalessaa fudhateen 57 ajjeesee 35 madeessuu ibse!

( ONM-ABO Guraandhala 28,2022 )

Irree fi gaachanni Ummata Oromoo WBOn zoonii Giddu Galeessaa G kaaba fi kaaba lixa shaggar keessa sosso’u Cibraan Meettaa Bargaa tarkaanfii ona Meettee Wal Qixxee ganda Buufaa Caffee keessatti mooraa waraana sirna faashistii PP irratti fudhateen nama 57 battalatti yoo ajjeesu 35 ol madoon adabee jira.

Maqaa imala gara Finfinnee jedhuun diina miila muraa gamoo diinaa diigaa fuulduratti furga’aa kan jiru WBOn zooni giddu galaa milkii argame tikfachaa tarkaanfii itti aanuuf of qopheessaa kan jiru ta’uu ajaajan zoonichaa jaal Abdii Dhugaa dhaamaniiru. Afaan qawween imala gara Finfinneetti taasisnu ni milkeessina.

Injifannoon Uummata Oromoof!

ONM-ABO Guraandhala 28,2022

Leave a Reply