
Godina lixa shaggar Aanaa Amboo Ganda Haaruu Xirootti waraanni mootummaa Jaarsa Biyyaa tokko yoo ajjeesan, manneen uummataa fi midhaan tuullaan jiru hedduu abiddaan barbadeessan.
(ONM-ABO Bitootessa 18,2022)
Bitootessa 12,2022 jajjabeen Waraana Bilisummaa Oromoo Buttaan Jaagamaa Badhaane lola ganda Haaru Xirootti taasiseen hedduu madoo fi du’aan adabuun PP 19 booji’ee ture.
Kasaaraa guddoo irra ga’eetti kan aare waraanni sirna PP aariin Bitootessa 17, 2022 ganamaan gara ganda sanaatti bobba’uun miidha jabaa uummata irraan ga’aniiru.
Haaluma kanaan ganda Haaruu Xiroo bakka addaa Daamotaa jedhamutti jaarsa biyyaa obbo Dirribii Dalasaa Iggii ajjeesuun mana isaas yoo guban, mana obboo Leellisaa Likkiisa Dalasaas dabaluun gubaniiru.
Obbo Dirribii Dalasaa hawaasa keessa jiraatanitti kabajamoo fi namoota wal lolan araarsuun kan beekaman yoo ta’u miidhaa isaan irra ga’een hospitaalatti yaala baqaqsanii hodhuu erga godhamee fi mana jireenya isaaniitti deebi’anii waan hin wayyoofneef lubbuu isaa baraaru hin dandeenye.
Ganduma Haaruu Xiroo bakka addaa Gabaa Roobii jedhamuus mana uummataa fi dunkaanota daldalaa hedduu cabsuun kaan saamanii, kaanis caccabsaanii balleessan.
Obboo Araarsa Leenjisaa jalaa sangoota lama yoo qalaxan, obbo Nagaasa Tolasaa jalaas horii tokko qalachuu maddeen keenya himaniiru.
Kana malees midhaan tuullaadhaan jiru fi nyaata looniif tuulames osoo hin dhiisiin hedduu isaa abiddaan balleessaniiru.
Miidha kana cufaa uummata keenya irraan ga’aa kan jiran waraanni faashistii PP waan Oromoo taaneef qofaa kan jedhan jiraattonni ganda sanaa gochaan kun ittuu jabaanne waraana keenya cinaa dhaabbachuun qabsoo Oromootti xumura akka goonu nu godhaa jechuun onneeffatanii dubbachuu madeeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
