• Thu. Apr 25th, 2024

Godina Gujii lixa ona Galaanaa keessatti Poolisoonni humna addaa mootummaa uummattoota kibbaa daangaa ona Amaaroo irraan uummata Oromoo lama ajjeesuun sadii madeessan

Mar 23, 2022

Godina Gujii lixa ona Galaanaa keessatti Poolisoonni humna addaa mootummaa uummattoota kibbaa daangaa ona Amaaroo irraan uummata Oromoo lama ajjeesuun sadii madeessan.

(ONM-ABO Bitootessa 23, 2022)

Mootummaan sirna PP waraana hedduuminaan leenjisee bobbaasuun uummata Oromoo qe’ee isaa irratti ajjeesisuun cinaatti uummattoota ollaa Oromiyaa fi hidhattoota mootummaa naannooleen ajjeechaa raawwachaa jira.

Haala kanaanis guyyaa har’aa Bitootessa 23,2022 poolisootni humna addaa mootummaa naannoo uummattoota kibbaa ona Amaaroo jiran daangaa naannoo isaanii ce’uun godina Gujii lixaa ona Galaanaa ganda Kombolchaa fi Dibbee Qonqaatti uummata Oromoo lama badii malee yoo ajjeesan sadii madeessuun yaalamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Mootummaan sirna PP uummata Oromoo cabsuuf jechaa daangaa Oromiyaa maraan saboota biraa itti kakaasee lolchiisaa kan jiru yoo ta’u dhimmi kun ammoo haasaa pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf uummatni Itoophiyaa cufti nu gargaaruu qaba jechuun waamichaa taasisan hordofee raawwachuun fuuldurattis gochi wal fakkaataan maqaa WBO balleessuu jedhuun sabootni ollaa uummata Oromoo ajjeesuun buqqisanii fedhii lafa babal’ifannaa akka galmaan ga’atan kan akeekuu dha jechuun jiraattootni maddeenitti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading