• Tue. Apr 28th, 2026

Mootummaan gabroonfataa PP xiyyaara nama maleessaan haleellaa raawwachuu eegale 

Apr 21, 2022

Mootummaan gabroonfataa PP xiyyaara nama maleessaan haleellaa raawwachuu eegale.

(Ebla 21, 2022 ONM ABO)

Mootummaan abdi kutataan sirna PP falmii ijibbaataa Uummata Oromoo irratti labsee jiru itti milkaa’uu dadhabuun, Uummata Oromoo irratti xiyyaara nama maleessa kaasuun Godina Lixa Shaggar Ona Abuunaa Ginbarat Ganda Doggomaatti haleellaa gaggeessaa jira.

Haleellaa galgala kana raawwataa jiruun, jiraattonni naannichaa galgala kana erga lafti dhi’ee, namni hundi gara manaatti deebi’ee jalqabuun kan beekame yoo ta’u, haleellaa Xiyyaaraafi Dirooniin Mootummaan Gabroomfataa uummata nagaa Haleelaa Jiruun, jiraattonni gandichaa ibidda samii irraa dhuka’u baqachuun qe’eefi qabeenya isaa dhiisee baqachaa jiraachuu jiraattonni dubbatan.

Mootummaan PP haleellaa kana raawwachuun dura, Ibsaafi Network Guutummaan guutuutti gandicha irraa addaan kutuun haleellaa eegaluus jiraattonni ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading