
Mootummaan sirna faashistii PP godina lixa Shaggar ona Abuunaa Gindabarat xiyyaara waraanaa meesha maleeyyiin rukute.
(ONM-ABO Ebla 21,2022)
Mootummaan sirna faashistii PP lammiilee isaa nageenya dhaban nagaa kennuufii irra rasaasa kennuufii aadaa taasifate lola lafoo uummata nagaa irratti geggeessaa jiru ol guddisuun xiyyaara waraanaa fayyadamuun uummata nagaa haleelaa jira.
Ebla 21,2022 galgala toora sa’a 1:30 irraa qabuun godina lixa Shaggar ona Abuunaa Gindabarat ganda Doggomaa irratti haleellaa xiyyaara waraanaa meesha maleeyyii uummata Oromoo nagaa irratti raawwatanin uummatni naannoo gadhiisee baqachaa jira. Abidda samii keessaa gad darbatamuu fi sagalee dhukaa’aa erga lafa ga’ee qabaatu jala dhaabbachuun kan sodaatan uummatni gandichaa gara ganda ollaatti ijoollee isaanii qofa fudhachuun manaa fi qabeenya kiyya osoo jedhin wal caccabsaa dheessaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Abuunaa Gindabarat gabaasaniiru.
Sababa uummatni naannoo baqatee fi halkan ta’eef jecha miidhaa qaqqabe adda baasuun waan hin dandaa’amneef waan jiru cufaa akkaataa adda baasneen isin biraan geenya. Haleellaa xiyyaara waraanaa meesha maleeyyii uummata nagaa irratti fayyadamuu bara kana achuma lixaa, baha fi kaabaa Shaggar ,Walloo, Wallaggaa fi lixa Harargee irratti mootummaan PP fayyadamuun miidhaa qabeenya uummataa irratti qaqqabsiisuu gabaasaa turre.
