Hololli Diinaa, Elaa fi Elaamee Ajajoota WBO Gidduutti Taasifamee Irratti Gaggeessite Fashale!
(Ibsa Ajaja Olaanaa ABO-WBO) Ebla 24 2022
Ergamtuun sirna Abiyyi Ahimad, Waraana Bilisummaa Oromoo guutummaan guututti balleessuu bifa jedhamuun kan karoorfatee fi humnoota nageenyaa Itoophiyaa hunda walitti qindeessuun duula waraanaa “murteessaa fi isa xummuraa” jedhamu guyyoota 30 oliif gaggeessullee baqqoon kan isaa hin kaayomsinii fi inumaayyuu injifatamaa kan jiru ta’uu irraa, duula isaa duula waraanaa irraa gara duula ololaatti jijjiiruuf waan murteesse fakkaata. Bifuma kanaan ergamtoonni kunneen Ebla 21, 2022 irraa eegaluun waliin marii ajajoonni keenya (WBO) jaal Marroo fi jaal Sanyiin karaa bilbilaatiin taasisani jechuun akka isaaniif tolutti qabiyyee sagalee keessaa kukkutuun walitti qindeessanii sagalee marii sa’aatii walakkaa hin caalle miidiyaalee of harkaa qaban hunda irraan tamsaasuun olola hamilee isaanii kufee ture ittiin kaasan hojjechaa jiru. Gareen ololaa PP kunneen miidhaa waraanni bilisummaa Oromoo lammiilee nagaa irraan gahu ragaa mirkaneessu, hoogganootuma keenya irraa akka waan argateetti qaanii tokko malee yoo odeessu dhagahamee jira. Carraan milkaa’inaa waan irraa fagaateef ololli dalagame warra isa dalage(pp) caalaa WBO fayyade.
Amma immoo miidiyaaleen mootummaa biyya jeeqaa jiruu kanneen marii ajajoota kanneenii akka “Salphina Jaarraa kaanaatti” herreeguun bal’inaan tamsaasaa jiran, waggaa tokko dura ammoo ajajoonni kunneen “du’anii jiru; ajjeefamanii jiru.” jechuudhaan irra deddeebi’anii labsaa akka turan waan dagatan fakkaatu. Fakkeenyaaf Jaal Marroo yeroo torbaaf ajjeesanii kaasuun humna ayyaana Iyyasuus Kiristoos itti uwwisanii jiru. Har’as kiristaanoti biyyattii kabajaa kan jiran ayyaana du’aa ka’uu Iyyasuus Kiristoos cinaatti, du’aa ka’uu Jaal Marroo akka kabajan ta’ee jira.
Duulli waraanaa dhiyeenya kana mootummaa PP tiin labsamee; ji’a tokkoof deemaa ture bu’aa malee hafuu bira taree weerartoota injifannoo irraa hongeessuu irraan, ummata nagaa ajjeesuu qofaan itti fufee kan jiru guutummaan guututti fashaluun olola gatii dhabeessa kanaan akka gadi bahan taasise. Gama kaaniin immoo waa’ee sagalee marii ajajoota WBO qabxiilee muraasa yoo ilaallu:
1. Sagalee waraabame keessatti waliin mariin murtaa’e isa yeroo turee irraa muramee kan itti dabalamee fi haala yeroo hoogganni keessa jiru gonkumaa kan hin ibsinee dha. Bu’uuruma kanaan, waliin dubbiin sun haala qabatamaa ammaa waliin bifa kamiinuu wal hin qabatu. Yeroo ammaa kanatti Waraanni Bilisummaa Oromoo rakkoolee muraasa marii san keessatti calaqqisan dursee furuun “duula murteessaa” jedhamuun sakatta’aa, irratti baname addoota hunda irratti; lixa, giddu galeessaa fi kibbatti haleeluun injifannoo dabalataa galmeessaa jira. Sababni milkaa’ina keenya kan ammaa kunis rakkoolee gufuu ta’anii qabsoo keenya gara boodaatti harkisan dursinee furachuun qophii taanee turuu dha.
2. Haasaan ajajoota WBO kan ergamtoonni nu fayyada jedhanii kukkutanii qindeessuun miidiyaa isaanitiin tamsaasaa jiran kunilleen akka diinni yaadu san kan diina fayyadu osoo hin taane, qabsoon nuti gaggeessinu bu’uura warraaqsa keenyaatiin akka wal hin faallessinetti deemuu akka qabuu fi rakkoolee xixiqqoo fedhii ummata keenyaatiin alatti qabsoo keessatti ta’anii fi ta’uuf jiran karaa fooyya’aan furuun akkaataa ittiin danda’amu irratti mari’atan. Kunis, waliin dubbiin ajajootaa kun loltoota diinni loltoota ABO fakkeessudhaan waraana keenya cinaatti bobbaasee yakka dalagsiisu, lootee seentota bifa shiftaan socho’an, kanneen fedhii dhuunfaa isaanii guuttachuuf WBO tti makaman karaa ittiin qulqulleessan ture. Ajajoonni kunneenis miidhaa qaamolee kanneeniin ummata keenya irra gahu kamiyyuu afaan ifa ta’ee fi mirkana qabuun irra deddeebi’anii balaaleffatanii jiru. Hojii irra oolmaa isaatiif illeeaantummaa fi kutannoon agarsiisanii jiru.
3. Elaa fi Elaameen kun tasgabbii fi xiyyeeffannoo guutuun yoo dhaggeeffatame; ajajoonni keenya waraana kaayyoo irraa maqee fi lootee seentota irratti ejjannoo hin daddaaqamne akka qabanii fi ummata isaanitiif ammoo gara laafummaa loltuun tokko ni qabaata jedhamee hin yaadamne akka qaban kan mul’isu dha. Akkasumas, ummata keenya balaa kam irraa ittisuuf hagam qohii akka ta’an kan ifatti agarsiisee dha. Qabsoo bilisummaa Oromoo kabajamaa kana keessatti hogganni WBO; miseensoti waraana keenyatis ta’ee lootee seentonni mootummaan ergaman lammiilee nagaa miidhuuf yookiin sochii keenya maqaa balleessuuf badii yoo raawwatan obsa akka hin qabneef akeeka.
4. Marii jaallan kanneenii irraayis wanti ifatti mul’atu; mariin isaanii sirna qabeessaa fi wal hubannaa kan guutame ta’uu dha. Haasaa kana keessattis waliin falmuu fi wal diduu caalaa wal marii fi wal dhaggeeffannaan(elaa fi elaameen) walhubaachiisuun kan keessatti mul’atee dha. Kunis, aadaa dimokiraatawaa Oromoo isa durii kan ilaa fi ilaameen wal gorsuu fi wal mari’achuu kan mirkaneesse qofa osoo hin taane, sirna jaarmayaa waraanaa kan ajajaa fi ajajamaa kan hodofee dha. Mootummaan biyya bulchuu fi waaraanni sirna dhableen mootummichaa marii kana irraa waan hedduu barachuu qaban jenna.
Xummura irrattis, firootaa fi diinota ummata Oromoo maraaf wanti ibsuu barbaannu yoo jiraate, ummanni keenya, kanneen biyya keessa jiranii fi biyya alaa jiraatan jabinaa fi murannoo hoogganoota ABO-WBO itti siqeenyaa fi sirnaan beekandha. Hoogganni kun taateewwan farra qabsoo kan waan bira darbamu hin fakkaanne wayita isa qunnametti cichoomina, murannoo fi naamusa akkamiitiin akka irra tarkaanfachuun qabsoo sadarkaa hin daddaaqamne irraan akka gahan ummanni keenya kan fagoos kan dhiyoos deddeebi’ee argee jira. Ajajoota keenyanis ta’ee waraana isaan hooggananiin ni boonna! Kanaaf, ololli ergamtootaa kamiyyuu hariiroo ummata Oromoo fi waraana bilisummaa Oromoo gidduu jiru jijjiiruus ta’ee qabsoo irratti dhiibbaa wayitaawaa uumuu dadhabe; fuulduraafis uumuu hin danda’u.
Injifannoo Uummata Oromoof!
Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO
Ebla 24, 2022


