• Sat. May 2nd, 2026

Ona Ada’aa Bargaatti Mootummaan Faashistii Muurna PP Namoota Nagaa 46 Xayyaaraan Haleelee Ajjeese

Apr 30, 2022

Ona Ada’aa Bargaatti Mootummaan Faashistii Muurna PP Namoota Nagaa 46 Xayyaaraan Haleelee Ajjeese!

[SQ Eebila 30/2022]

Guyyaa dheengaddaa gara galgalaa jechuunis Eebila 28/2022 Shaggar Lixaatti kan argamtu Ona Ada’aa Bargaa gandoota akka Tuulii Dasee fi Caancoo Birattee jedhamanitti hawaasa Oromoo meesha-maleeyyii irratti haleellaa xayyaara nama maleessaa (Drone) gargaaramuun yoo xiqqaate gara namoota 46 olii muurni PP ajjeesuun mirkanaa’eera.

Mootummaan Impaayera Xoophiyaa yeroo dhihoo as maqaa lola amantaa jedhu da’oo godhachuun ajandaa miidiyaalee biyya keessaa fi idil-addunyaaf bocee, gama kaaniin ammoo uummata Oromoo jumlaan ajjeesuu fi sagalee dhorkachuu itti fufee jira.

Bakkoota addaa addaatti namoota danuu xayyaaraan galaafataa kan jiru muurni Bilxiginnaa kun gaafa Eebila 28/2022 namoota kanneen ammaaf maqaa arganne armaan gadii kana Ona Ada’aa Bargaatti galaafachuun beekameera.

✓Gaafa guyyaa 28/04/22

1. Darshoo Abarraa

2. Miidhaksaa Hundee

3, Alamuu Fayyisaa

✓Gaafa guyyaa 30/04/22 immoo

1,Mallisee Caalaa Manaa Fi suuqii Isa immoo Ajjeesanii ture.

2, Miidhaksaa Hundee mana jireenya Fi Hotela.Abbas Ajeesa.

3. Dirribaa Daadhii mana

4. Bayeechu Hundee mana

5. Darajjee Bayeecha mana

6. Dafarshoo Abarraa lamata jalaa guban

7. Askaalaa Geetuu mana

8. Dabalee Abdii mana

9. Taammee Asheetuu Mana

10. Xilahuun Biyyanoo mana isas Ajjeesanii ture

11, Birhaanuu Taayyee mana

12, Damisee Turaa mana

13, Araarsaa Geetachoo mana

14, Baqqalaa Gabii mana

15. Badhaadha Dirribaa mana

16. Dirribee Raggaanee mana

17. Badhaadha Abbaa mana Bulchaa Ganda caancoo Birrattee ammaa

18. Birqii kabbabaa mana

19.Dirribaa Araarsaa mana

20, Birhaanuu Abarraa suuqii uffata suufii hodhaa makinaas ni fe’atan xaaqaa wajjin suuqii guban

21. Birhaane Tulluu mana

22. Boggee Dassuu qorichaa hotela

23. Ayyaluu lammaa mana

24. Warqituu Ida’ee mana

25. Taayyee Asaffaa mana

26. Mandee Fiqaaduu suuqii

27. Shawuu Dhaaba mana

28. Araarsee Baqqalaa mana

29. Haftaamuu Kabadaa suuqii fi kanneen maqaan adda hin baafamiin biroo waluumaa gala namoota 46 ajjeesuu isaa odeeffannoo Fuula Tiwuterii https://twitter.com/OdaaTarbiiWBO/status/1520118605530152960?t=n2nG_xON4-L8HKU21j6gJQ&s=07 fi Telegraamaa Odaa Tarbii International Spokesperson of the Oromo Liberation Army https://t.me/odaatarbii dubbi-himaa WBO idil-addunyaa Jaal Odaa Tarbii irraa arganne ifa godha. Kanneen maqaan isaanii nun dhaqqabiin kana akkuma arganneen kan isin biraan geenyuu fi namoonni maqaa kanneen hafanii nuun gahuu barbaaddanis keessoon akka nu qunnamtan jenna.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading