Gara jabeenya Waraana faashistii pp ilaalaa
(SQ-Caamsaa 01/2022)
Daa’ima Carraa Eliyaas Baalchaa umuriinsa ganna 12 yoo tahu. Aanaa Daallee Waabaraatti dhalate, Amma Aanaa Jimmaa Horroo bakka Sichaawoo jiraata ture. Mucaan kun yakka tokko malee sirba Hawwisoo Zoonii lixaa Kan Surraa Gindaabaa fi jaal Mo’ii Tufaa keessatti waan argan qofaaf shanee wajjin walitti dhufeenya qabda jechuudhaan waraanni Bilxiginnaa ajjeeste.
Kan nama dhibu onneen mucummaa ykn xiqqummaa hin qabduu… Carraan erga qabamee booda “nu faana deemi” ittiin jennaan ” asitti na ajjeesaa malee , isin faana hin deemu” jedhee achumatti wareegame.
”Kichuu koo!
Anaa nyaatu kichuu koo
Kichuu koo ol adeemaa
Kan si’iin galaafatee
Naanis natti adeema
Maaliif narra bubbule
Madaan koo fayya dhabe
Boo’een mankaraara kaa
Garaan obsa na dhabee
Eelaan koo natti caale
Kan koo baraan boo’icha
Kan wal tumsu hin jiru
Hunduu qofaa didicha
Diina isa fagoo miti
Gantuu lammiitu na nyaate
Goobanoota baraatu
Kichuu koo galaafate
Boo’ichi maal baasaree
Maaliifan si’iif boo’aree
Kan boo’aniiftu anaam
Maafan ciise du’aree
Gaddi gumaa hin baasu
Gumaa kan baasu dhiiga
Bakka ati waraanamte
Kunoo naanis na dhiiga”
Lammii T Jimmarraa birra #Nagaan_Boqodhu
