Godina Arsii bahaa ona Zuwaay Dugdaa keessatti waraanni sirna PP doqdoqqee namoota gubuun namoota 180 qabanii hidhanii jiraachuun barame.
(ONM-ABO Caamsaa 2,2022)
Mootummaan sirna PP warri kan boossistuu dha anii fi waraanni koo jajjabeessituu dha jedhu waraana isaa Oromiyaa bakka maratti bobbaaseen Oromoota hedduu jireenya itti haadheessuun dararaa jira.
Haala kanaanis godina Arsii bahaa ona Zuwaay Dugdaa keessatti Ebla 30, 2022 ona Zuwaay Dugdaa magaalaa Ogolchoo keessatti doqdoqqee lama kan namoota dhuunfaa ta’e paatiroolii poolisii Oromiyaan itti dhufanii dhaabsisuun doqdoqqicha yoo guban namoota doqdoqqee oofaa turan reebicha hamaa irraan gaa’anii jiru.
Kana malees ona Zuwaay Dugdaa kana keessatti namoota nagaa 180 ta’an badii tokko malee buufata poolisiitti hidhanii dararaa jiru.
Namoota hidhamanii jiran keessaa harki caalu qeerroowwan yoo ta’an maanguddoo fi daa’immaan waggaa shanii gadii harmee isaanii waliin hidhaman keessatti argamu.
Yeroo ammaa hidhaan maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertuun aanichatti geggeeffamu jabaachuun buufatni poolisii guutee mana dhuunfaa kireessanii akka itti hidhaa jiran Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattoota irraa odeeffateera.
