• Wed. May 6th, 2026

Waraanni PP Dargaggoota Mana Keessaa Baasuun Ajjeesa Jiru.

May 16, 2022
Suura: Dargaggoo Bookii Warqinaa
Madda: Miidiyaa Hawaasaa

Guutummaa Oromiyaa keessaatti Waraanni Mootummaa Bilxiginnaa (PP) dargaggoota Oromoo mana hidhaa keessaa baasuun ajjeesaa jiraachun ammas akkuma itti fufeetti jira.

Haaluma kanaan Godina Shaggar Lixaa Ona Calliyaa magaalaa Geedootti dargaggoo maqaan isaa Bookii Warqinaa jedhamu yeroo dheeraaf mana hidhaatti dararaa erga turanii booda, guyyaa gaafa Caamsaa 15/2022 halkan mana hidhaa keessaa baasuun ajjeesanii jiraachuu maddeen Sagalee Qeerroo ni mirkaneessu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading