Waraanni Mootummaa Daa’ima Kichuu ajjeese.
(SQ-Caamsaa22/2022)
Waraanni mootummaa Abbaa Irree ilmaan Oromoo lafarraa duguugaa jira.
Caamsaa 21/2022 waraanni mootummaa Tuluboolloo irraa gara Giincii osoo deemaa jiruu Lixa Shawaa, Ona Dandii, Gadaa Boddaa Bosoqaa, Magaala xiqqoo Bodda keessatti Daa’ima Nuunnaa Bantii Galataa daandii gubbaatti sababa tokko malee rasaasa itti roobsun ajjeesee bira darbee deeme.
