Kaaba Oromiyaa godina Walloo ona Baatee keessatti waraana bilisummaa Oromoo qallabaa jirtu jechuun namoota hidhuu fi saamuun hammaate.
( ONM-ABO Caamsaa 29,2022 )
Akka odeessi kaaba Oromiyaa godina Walloo ona Baatee irraa dhufe addeessutti kaleessa Caamsaa 27,2022 waraanni sirna PP gandoota ona Baatee garaagaraa keessatti ilmaan Oromoo dararaa oolee jira.
Ona Baatee ganda Jaldeettii 08 bakka adda Madaabaa jedhamu irraa jaarsa waggaa 75 Idiris Abduu Abagaazii, Huseen Mahaammad Gubaay, Hamzaa Arabuu fi Arabuu Mahaammad namoota jedhaman badii tokko malee qabanii lafa isaan buusan dhabamuu jiraattootni ibsan.
Kana malees onuma Baatee ganda 015 irraa Ahimed Huseen, Idiris Mahaammad Umar, Ahimed Abduu Alii fi Sayid Indiris Umar hidhanii dararaa jiru.
Namoota maqaan adda ba’an kana malee namootni baay’een yakka tokko osoo hin dalagin qe’ee isaanii irraa guyyuma kaleessaa kana Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistu ittiin jedhamuun jaarsolii, dargaggootni fi dubartootni hedduun hidhamanii jiru.
Hidhaa jumlaan geggeeffamaa jiru kana malee waraanni sirna PP kun qabeenya hawaasaa ganda keessa socho’aa ture cufa keessaa saamaa turuu namootni qabeenyi jalaa saamame dabalanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
