• Fri. Mar 13th, 2026

Waraanni sirna PP godinaa baha Harargee ona Gooroo Guutuu keessaa badii tokko malee uummata nagaa qabanii deemuun dhagaa’ame

May 31, 2022

Waraanni sirna PP godinaa baha Harargee ona Gooroo Guutuu keessaa badii tokko malee uummata nagaa qabanii deemuun dhagaa’ame.

( ONM-ABO Caamsaa 31,2022 )

Mootummaan sirna PP waraana isaa akka uummata dararuu danda’anitti leenjisee fi qajeelfama itti kenne bobbaase qe’e Oromoo cufa keessatti yoo hin ajjeesne badii malee qabanii hidhuu hojii idilee taasisanii jiru.

Haala kanaanis guyyaa kaleessaa Caamsaa 30,2022 ona Gooroo Guutuu gandoota adda addaa irraa ilmaan Oromoo dhiirota 5 fi dubartoota 7 qabanii magaalaa Kaarraamiilleetti hidhanii jiru.

Gandootni namootni kunneen irraa hidhaman ganda Gadaa Bakkee, ganda Ahimed, ganda Dagaa, ganda bishaan qal’oo fi ganda Boojjii irraa akka ta’e maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ifoomsaniiru.

Murni maafi’aa PP kun ilmaan Oromoo nagaan bobbaa’anii akka gallee fi jireenya bir’annaa akka jiraataniif dhiiraa dubartii, hiyyeessaa fi sooressa osoo adda hin qoodne Oromoo ta’uu qofaaf yakkanii hidhaatti dararaa akka jiran maddeen dabalataan ona Gooroo Guutuu irraa ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading